• Wed. Mar 11th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Hawwaa Galaan keessatti Ilma Oromoo tokko ajjeesuun hidhaan ammoo ona Anfillootti hammaachuu jiraattotni dubbatan

Sep 16, 2022

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Hawwaa Galaan keessatti Ilma Oromoo tokko ajjeesuun hidhaan ammoo ona Anfillootti hammaachuu jiraattotni dubbatan.

ONM-ABO Fulbaana 16, 2022 bilxiginnaa guyya guyyaan ilmaan Oromoo ajjeesu fi hidhuu aadeffachuun Fulbaana 12,2022 waraanni sirnichaa ilmaan Oromoo akka ajjeesanif bobbaafaman godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan ganda 21 jedhamu keessatti Bashir Ahmad nama jedhamu ajjeesani jiru.

Bashir Ahmad jiraataadhuma ganda 21 yoo ta’u, qalbiin isaa sirrii akka hin taane jiraattoonni himuun waraanni bilxiginnaa nama mataan isaa dhukkubus ajjeesu isaatti mufataniru.

Oduu biraatiin ammoo godinuma Qellem Wallaggaa Aanaa Hawwaa Galaan ganda Tuulama Canqoo jedhamutti Fulbaana 12, 2022 nama maqaan isaa Asanoo Abdallaa Yuuyyaa mana jireenyaa isaatii qabuun ganda 21tti hidhanii darara jiru.

Ona Anfilloo magaalaa Muggii keessattis kaleessa Fulbaana 15,2022 jiraattoota magaalaa Muggii maqaa ilma keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira jechuun obbo Taarikuu Dhiinsa, Dastaa Dagaa, Tigil Taarikuu fi dargaggoo Abrahaam Taarikuu jedhaman badii tokko malee qabuun waajjira poolisii ona Anfillootti hidhanii jiraachuu jiraattootni magaalaa Muggii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading