• Tue. Apr 14th, 2026

Waamicha Hiriira Nagaa – Addunyaa Guutuutti

Oct 2, 2022

Waamicha Hiriira Nagaa – Addunyaa Guutuutti

Gara: Jaarmayoota ummataa fi siyaasaa Oromoo hundaaf – Guutummaa Addunyaatti

Nagaan Oromummaa fi obbolummaa keenya isin haa dhaqqabu.

Roorroo ummata keenyaa irra gahaa jiru hawaasa addunyaa mara dhageessisuuf hiriira nagaa Onkoloolessa 14, 2022f qindeeffamaa jiru milkeessuuf qooda fudhannaa fi tumsa keessan gaafachuuf xalayaa kana ergine.

Sirni gabroomfataa ummanni keenya jala jiraachuuf dirqame, fi haalli hamaan lammiiwwan keenya keessa jiran kan kanaan dura argamee hin beekne fi sadarkaa hamaa fi yaaddessaa irra gaheera. Waraanni “dhokataa” fi beelli “dhokataa” yeroo ammaa saba keenya irratti miidhaa geessisaa jira. Haa ta’u malee waraanni mootummaa Federaalaa waggoottan afran darbaniif Oromiyaa irratti geggeessaa jiru, gogiinsi haala qilleensaatiin uumame ummata keenya balleessaa jiru haala gahaa ta’een addunyaaf gabaafamuu hin jiru.

Akkuma weerarri waraanaa Xoobiyaa Oromiyaa keessatti hammaataa deemu, FANOnis (murna fiinxaaleeyyii Amhara) Oromiyaa weeraruu caalaatti hammeessaa jira. Mootummaan Federaalaa gochaalee hammeenyaa kanneen akka mana ummataa gubuu, qonna gubuu, midhaan gubuu raawwachaa jira. Namoota nagaa kan Waraana Bilisummaa Oromoof mararfannoo qabu jedhee shakke ajjeessaa jira; namoota hedduu qe’ee irraa buqqisaa jira. Ummata kumaatamaan lakkaa’aman miidhaan irra gaheera. Kumootaan kan lakkaa’aman gara jabinaan ajjeefamaniiru. Kumaatamni waan qabaniifi waan beekan hunda mulqamaniiru.

Hedduun waraanaa fi beela jalaa baqachaa jiru: maatiin addaan faca’e, manni isaanii barbadaa’e, lubbuun namaa hedduun badeera, ijoollummaan cabe, hawaasni keenya roorroo fi gadadoo hamaa keessa jira. Warri waraanaa fi beela jalaa baqatan gaaddisa gahaa hin argatan, nyaata gahaa, bakka qulqullinaa ykn tajaajila fayyaa hin argatan. Akkasumas nagaa fi nageenyi isaanii hin eegaman; jeequmsa saalaa fi koorniyaa irratti hundaa’e dabalatee.

Odeeffannoon haala ummatni keenya keessa jiru akka hin raabfamne mootummaa naannoo fi federaalaan ugguramee jira.
Xiyyeeffannoo hawaasa addunyaa jalaa dhokfamee yakki waraanaa (war crimes) ummata keenya irratti raawwatamaa jira. Ummata keenya sagalee hin qabneef sagalee taanee gidiraa isaanii xiyyeeffannoo addunyaatti fiduun dirqama. Sagalee ummata keenyaa sadarkaa idil-addunyaatti dhageessisuu qabna.

Kanaafis, Onkoloolessa 14, 2022, “Guyyaa Hiriira Addunyaa Oromiyaaf” jennee moggaafneerra.

Akka jaarmaya Oromootti, akkasumas jaarmiyaalee Oromoo magaalaa keessan keessa jiran biroo waliin ta’uun, Onkoloolessa
14, 2022 hiriira ummataa qindeessuu fi gaggeessuun “Guyyaa Hiriira Addunyaa Oromiyaaf” irratti akka hirmaattanii sagalee uummata keenyaa addunyaa guutuu dhageessisuuf sochii goonu milkeessuu keessatti akka qooda keessa gumaachitan kabajaa guddaan waamicha Oromummaa isiniif goona.

Mallatteessitoota:

  1. Oromo Community of UK
  2. Oromo Community of Atlanta
  3. Oromo Community of Washington DC
  4. Oromo Community of Minnesota
  5. Oromo Community of Oslo
  6. Union of Oromo Communities in Canada
  7. Union of Oromo Communities in Europe
  8. Oromia Global Forum
  9. Global Oromo Inter-Faith Council
  10. Macca & Tulama Association
  11. Gurmu Hawasa Oromo Sweden
  12. Qubee Minnesota
  13. Jabdu: Oromo-American Women’s Council
  14. Finfinne News Network
  15. Horn of Africa Genocide Watch
  16. Oromo Community Association in Chicago
  17. Oromo Scholars and Professionals Group
  18. Global Oromo Communities Association
  19. Oromo Community Organization of Pennsylvania
  20. Gamtaa Hawaasota Oromoo Jarmanii
  21. Oromo Community of Switzerland
  22. Gurmuu Baha Oromiyaa
  23. Gurmuu Kura Galaan
  24. Oromo Community of Memphis, TN

Tokkummaan Humna!

Humni keenya lakkoofsa keenya keessaa burqa!

Odeeffannoo dabalataaf.: Tel (612)-463-0161
(859-612-7064)
(502-819-4107)

A call for a Global Peaceful Demonstration
To: All Oromo Civic and Political Organizations across the World
We are writing to you to ask for your collaboration in bringing our nation’s plight to the attention of the international community on Oct. 14, 2022.
The tyrannical system under which our people are compelled to live, and the unprecedented dire situation of our compatriots has reached a critical point. A “hidden” war and a “hidden” famine are taking their toll on our nation at the present time. However, the war being waged by the Federal government against Oromia for the last four years, and the climate induced drought decimating our people are not being adequately reported to the world.
As the military invasion in Oromia escalates, and FANO (extremist Amhara paramilitary force) aggression and incursions into Oromia get worse by the day. The Federal government is committing atrocities such as burning people’s homes, burning farms, and burning crops. It is killing civilians it suspects of being sympathetic to the Oromo Liberation Army and is displacing large numbers of people. Hundreds of communities have been affected. Thousands have been brutally murdered. Thousands are deprived of everything they had and everything they knew.
Countless people are seeking refuge from the war and the famine: families torn apart, their homes destroyed, human lives lost, childhoods broken, and communities brutally devastated.

Those fleeing war and famine are not receiving adequate shelter, don’t have access to sufficient food, hygiene facilities, or health-care provision. Neither are they kept safe, including from sexual and gender-based violence.

With the free flow of information blocked by the regional and federal governments, and hidden from the attention of the international community, war crimes are being committed against our people. It is imperative that we become a voice for our voiceless people and bring their sufferings to the attention of the world. We must make the voice of our people heard internationally.

To that end, we have designated October 14, 2022, as a “Global Rally Day for Oromia”.

As an Oromo organization, and in collaboration with other Oromo organizations in your city, we call on you to participate in “Global Rally Day for Oromia” by organizing and holding a public rally on Oct. 14, 2022, to ensure the plight of our people is heard across the globe.

Signatories:

  1. Oromo Community of UK
  2. Oromo Community of Atlanta
  3. Oromo Community of Washington DC
  4. Oromo Community of Minnesota
  5. Oromo Community of Oslo
  6. Union of Oromo Communities in Canada
  7. Union of Oromo Communities in Europe
  8. Oromia Global Forum
  9. Global Oromo Inter-Faith Council
  10. Macca & Tulama Association
  11. Gurmu Hawasa Oromo Sweden
  12. Qubee Minnesota
  13. Jabdu: Oromo-American Women’s Council
  14. Finfinne News Network
  15. Horn of Africa Genocide Watch
  16. Oromo Community Association in Chicago
  17. Oromo Scholars and Professionals Group
  18. Global Oromo Communities Association
  19. Oromo Community Organization of Pennsylvania
  20. Gamtaa Hawaasota Oromoo Jarmanii
  21. Oromo Community of Switzerland
  22. Gurmuu Baha Oromiyaa
  23. Gurmuu Kura Galaan
  24. Oromo Community of Memphis, TN

Unity is strength!
There is power in numbers!
For more info.: Please call (612)-463-0161
(859-612-7064)
(502-819-4107)
Sincerely

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading