• Wed. Oct 7th, 2026

Dargaggoota Oromoo Yakka malee, Ukkaamsun daran dabalaa jira

Oct 6, 2022

Dargaggoota Oromoo Yakka malee, Ukkaamsun daran dabalaa jira.

(SQ-Onkoloolessa 6/2022)
Shamarree Ayyaantuu Abarraa Onkoloolessa 5/2022 halkaan sa’a lama booda Bakka jireenyashe Humnoota Tikaan Ukkaafamte.

Akka Maddeen Sagalee Qeerroo Bilisumaa Oromootti himaniitti Ayyaantuun yakka tokkollee utuu hinqabatiin Dukkana da’oo godhachuun ukkaamsan jechuun himan.

Akka Maddi keenya jedhaniitti Namni ishee waliin ukkaamfame biraan akka jiru dubbachuun Hanga ammaatti eessaa akka geessaan hinbaramne jedhe.

Ayyaantuun yeroo gara garaatti Humnoota kanaan mana hidhaatti dedebi’a turuun niyaadatama. Baatii Afur Dura Mirga Wabii Qarshii 30000 kaffaluun akka mana hidhaarra baates dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading