• Wed. Jul 8th, 2026

Qeerroo| Oromian National Youth Movement for Freedom and Democracy

Oct 10, 2022

Qeerroo| Oromian National Youth Movement for Freedom and Democracy

(Qilxuu Jiloo tiin)

Itti waamamni Jaarmiyaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo ABO haa ta’u malee, durarraa eegaluun akka hooggana Qeerroo Bilisummaa Oromootti kan taligaa ABO irraa kennaa ture Jaal Barii Hurrisaa (Injinar Tasfaahun Camadaa) ti.

Kana yeroon jedhu Qeerroon namaan hoogganama jechuu osoo hin taane, kaayyoo Jaarmayaa tokkoo ofitti fudhatuun, gurmeessuun, wixinee baasuunii fi caaseffama tolchuun Jaal Bariin Hooggana akka ture ibsuuf qofadha malee. Kana miseensonnii fi dabballeewwan ABO heedduun quba qabu. Gariin ofumaa caaseffama Qeerroo Bilisummaa Oromoo keessas hin jirree, fi Qeerroo kan jedhamu dargaggeessa hin fuudhiin qofa jedhanii kanneen yaadan akka waan Qeerroon hooggansa hin qabne, yokaan ammoo Jawaar Mohaammed akka hoogganutti ilaalu. Kun maalummaa, hundeeffamnii fi seenaan hundeeffamuu Qeerroo Bilisummaa Oromoo maal akka ta’e hubannoo dhabuu irraa madde. Kanneen akkas jedhan kun, Qeerroo fincila gaggeessu arganii warra itti makamanii fi ebelutu hooggana Qeerrooti oduu jedhu qofa dhaga’aniitu akkasitti amanan.

Garuu dhugaan jiru Jawaar akka nama tokkootti karaa al-kallattiin (beekamtii Jaarmayaa QBO fi ABO malee) sochii Qeerroo keessatti 2014-2018tti qooda fudhateera. Kun garuu hoogganaa isa hin taasisu. Warraaqsa Qeerroo “Fincila Diddaa Gabrummaa irraa gara Fincila Xumura Gabrummaatti” jedhamuun Oromiyaa guutummaa dhuunfate, maayii irratti ammoo ilmaan Agaamee (Wayyaanee) aangoo irraa kuffiise sana keessatti akkuma nama tokkootti hirmaannaa godheera. Inumaayyuu miidiyaa of harkaa waan qabuuf, deggersa siyaasaa fi dinagdee, hordoftootaa fi beekamtii uummata bal’aa waan qabuuf jecha maqaa Qeerroo jedhuun Jawaar bakka heedduu gaheera.

Yeroo sana garuu ABOn sadarkaa namaatti gad-bu’ee waan xixiqqoo irraa haasa’uun waan aajaa isaa hin taaneef dhimma hooggansa Qeerroo irraa dubbachuu dhiiseera. Garuu miseensonnii fi gameeyyiin Qeerroo Bilisummaa Oromoo hoogganaa fi caaseffama isaanii tolchanii beeku. Beektonni dhimma kana keessatti qooda qaban ammoo Qeerroon maal akka ta’e ibsaa fi barreessaa turan. Akka fakkeenyaatti barruu mata dureen isaa, “Qeerroo: A regimented organization or a spontaneous movement?” jedhu toora marsariitii ethiopia-insight.com irratti Dr. Moosisaa Aagaa barreessuun eenyummaa Qeerroo hanga tokko ibsuuf yaalaniiru. (https://www.ethiopia-insight.com/2020/08/21/qeerroo-a-regimented-organization-or-a-spontaneous-movement/)

Obbo Jawaar Mohaammed garuu akka hooggana Qeerrootti af-gaaffii fi sochii addaa addaa taasisaa tureera. Miidiyaalee fi sabaa-himaalee garaa garaa irrattis maqaa Qeerroon mul’ataa ture. Hanga sadarkaa Wikipedia irrattuu “Hoogganaa Qeerroo” jedhee of dhaadhessee of baasuuttuu gaheera. Kana irratti mormii fi sirreeffamni gama miseensotaa fi hoogganoota Qeerroon gaafatamus gareen projektii sana qopheesse yeroof hoogganaa isa jedhu haqee, booda bakkuma duraatti deebiseera.

Dhuma bara 2018 boodaa fi bara 2019-2020 keessa gaagaa’amnii fi burjaajiin heedduun Jaarmayaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo mudatee ture. Kun garuu dhimma Jawaar waliin wal qabatu osoo hin taane, hoogganni ABO kan baroota dheeraaf biyya hambaa ture gara biyyaatti deebi’ee Qabsoo Karaa Nagaan gaggeessa jechuun guutummaatti gantummaan dhalachuu irraati. ABOn duraan WBO fi QBO akka goblaa isaatti hoogganaa ture gaafa biyya seenu, ifatti waraana hin qabnu jechuun WBO ganuu ibse. Itti aansuun gameeyyii Qeerroo keessaa heedduun hidhamuu, raafamni ABO mudachuu fi kanneen biroon ammoo ifatti Qabsoo Hidhannootti makamuu ejjennoo biraa fi murtoo maayiitti isaan deemsise. Bara 2019 WBOn maqaa Ajajaa Ol’aanaa WBO jedhee hooggana Finfinnee irraa adda bahuun ifatti hooggana ofii dirree irraa labsachuu ibse. Waggoota muraasaa booda bara 2021 kora sabaa gaggeeffateen akka dhaaba of danda’eetti ABO-WBO jechuun kaayyoo ABO ganamaa fi qabsoo hidhannoo ofitti fudhatuun ifatti labsa labsate. Kanumaan caaseffamnii fi taliigni Jaarmayaa Qeerroo Bilisummaa Oromoos gara hooggana isaa isa sirrii fi irbuun isaa isa dirqisiisu ABO-WBO jalatti deebi’e.

Amma Qabsoon tooruma kanaan taliila ta’ee dhangala’uutti jira. Hoogganaanis, hoogganamaanis wal beeka jechuudha. Namni ofumaa hooggana Qeerros ta’e miseensa Qeerroo ta’uu hin danda’u. Ulaagaa fi dambii mataa isaa qaba.

Galatoomaa ani Qilxuu Jiloo ti.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading