• Wed. Mar 25th, 2026

Murni aangoo irra jiru bilxiginnaan goleelee Oromiyaa keessatti dargaggoota hidhuu, reebuu, ajjeesuu fi dirqiin ukkaamsuun adda waraanatti erguun lubbuu kuma dhibbootaan taphachaa jira

Oct 19, 2022

Murni aangoo irra jiru bilxiginnaan goleelee Oromiyaa keessatti dargaggoota hidhuu, reebuu, ajjeesuu fi dirqiin ukkaamsuun adda waraanatti erguun lubbuu kuma dhibbootaan taphachaa jira.

ONM-ABO Onkoloolessa 19, 2022

Onkoloolessaa 18, 2022 godina Bunnoo Beddellee aanaa Cooraa magaalaa Cooraa keessatti hidhattonni bilxiginnaa dargaggoota lama akka malee reebuun erga miidhaniin booda gara waajjira poolisii magaalaa Cooraatti geessuun hidhanii jiru. Ilmaan Oromoo Oromummaan yakkamuun qabamanii hidhaman kun Maashoo Abdulmanna fi Bulaa Arabuu akka ta’an jiraattoonni himuun namootni kun badii qabaatanii osoo hin taane Oromummaan yakkamuun murna bilxiginnaa qabamanii hidhamuu ibsanii jiru.

Godina Buunnoo Beddellee keessatti erga waraannii bilisummaa Oromoo bifa qindaa’een tarkaanfii fudhachuu eegalee dabballoonnii fi waraanni bilxiginnaa raafama keessa seenuun uummata Oromoo darara jiraachuus jiraattoonni dabaluun himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading