• Tue. Jan 13th, 2026

Godina Gujii Bahaa Aanaa Liiban keessaatti waraanni faashistii PP qeerroo tokko mana hidhaatii baasuun ajjeessan

Oct 31, 2022

Godina Gujii Bahaa Aanaa Liiban keessaatti waraanni faashistii PP qeerroo tokko mana hidhaatii baasuun ajjeessan.

ONM-ABO Onkololessa 31, 2022 Gareen maafi’aa PP maqaa garaagaraa ilmaan Oromootti maxxansuun qabanii ergan hidhaniin booda seeraaf osoo hin dhiyeessin seera impaayeritti fi idil addunyaa cabsuun Oromiyaa bakkoota hedduu keessaatti mana hidhaatii baasuun ajjeessaa jira. Haalumaa kanaan Onkololeessa 29, 2022, godina Gujii Bahaa aanaa Liiban ganda Burraa Dheeraa keessatti qeerroo Xaaxoo Saaraa Huqqaa Boruu jedhamu Kan dhalootaan ganda Bulbulii ta’e yakka tokko malee ergaa qabanii mana hidhaatti darbaniin booda Onkololeessa 29,2022 Sanbata Xiqqaa barraaqa sa’a 11:00 akka lakkoofsa impayerattiitti mana hidhaatii baasuun mana fincaaniif baasan. Xiqqoo erga adeemsisaniin booda bakka Addaa Gooroo Qullubbii jedhamtutti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattootni Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himaniiru.

Qeerroo Xaaxo Saara Huqqaa nama siyaasa kam keessaattib qodaa hin fudhanne ta’uu jiraattootni himuun ,gochi kun godinaalee fi aanoota Oromiyaa bakkoota hedduu keessatti jabaatee murna shororkeessa Bilxiginnaan rawwaatama akka jiru dabaaluun ibsaniiru. Gama biraatiin Onkololeessa 28-30tti Barattoonni hedduun godina Gujii Bahaa Magaalaa Nageelle keesatti hidhamaa fi dararamaa akka jiran maddeen ifoomsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading