• Sun. Mar 15th, 2026

Waamicha Uummata Oromoo mara kan biyya keessaa fi alaatiif Qeerroo Bilisummaa Oromoon taasifame!

Nov 4, 2022

Waamicha Uummata Oromoo mara kan biyya keessaa fi alaatiif Qeerroo Bilisummaa Oromoon taasifame!
(QBO-Sadaasa 4,2022)

Uummati Oromoo gaafa humnaan gabroomfamee eegalee, yeroodhaa yerootti qabsoo godhuun sirna jijjiiruu keessatti shoora olaanaa yoo taphateyyuu harka gabroomfattootaa jalaa ba’ee biyya mataa ofii ijaarratee qabeenya isaa fi biyya isaa irratti abbaa ta’uu hin dandeenye.

Sababni kanaas Oromoon lolachuu fi qabsaa’uu irraa daqiiqaaf boqotee osoo hin taane sababa burjaajessitootaatiin qabsoo bifa wal fakkaataan ( tokkummaan ) gochuu hanqachuuni.

Yeroo ammaa kana murni abbaa irree uummata Oromoof naasuu homaa hin qabne humna gabrummaa duraan turee daran jabeessuudhaan uummati Oromoo dhabamee impaayera kanaaf yaaddoo akka hin taanetti cabee Siyaas-dinagdeedhaan akka manca’uuf hojjetuun alatti daguuggaa sanyii ilmaan Oromoo irratti goleelee Oromiyaa cufa keessatti raawwataa jira.

Dhumaatii kanas kanaan dura, kan ergamtoota isaa karaa idilee fi aal-idileen Oromootti bobbaasee rasaasaan ficcisiisu ol guddisuun gochaa sirnoota darban kamiyyuu keessatti raawwatamee hin beekne Xayyaara nam-maleessa (Drone), Miigiwwan waraanaa garaagaraatti dhimma bahuun qe’ee Oromoo cufa badii tokkoon alatti haleeluun qe’ee boo’ichaa fi gaddaa godhaa jira.

Yeroo ammaa kanattis humnoota impaayerattii keessaatti wal waraanaa jiran keessaa filachuun humnoota TPLF faana walii galtee gochuun, lolli Tigiraay irraa akka dhaabbatuuf murteessee jira.

Faallaa kanaa qe’een Oromoo waggoota arfan darban dunkaanni gaddaa sababa murna abbaa irree bilxiginnaatiin qe’ee Oromoo cufa qaqqabee haati Oromoo ganamaa fi galgala imimmaan ishee xuruurfatti.

Kun xumura qabaachuu qaba. Yeroo ammaa kana Waraanni Bilisummaa Oromoo kallattii maraanuu humna isaa jabeeffatee sadarkaa diina hundeen buqqisee nagaa waaraa lafa qabsiisuuf falma xumuraatti jira.

Kanaaf Uummati Oromoo Oromiyaa cufa keessatti sochii Waraanni Bilisummaa Oromoo godhu daggaruudhaan hojiiwwan ijoo sadii ( 3 ) yoo dalage qabsoon kun yeroo xumuraatiif boqonnaa haaraatti ce’a.

Uummati Oromoo yeroo kam caalaattuu of jabeessee, humna diinaa laamshessuuf:

° Daandiwwan Oromiyaa keessaa humni diinaa irra imalee uummata keenya boochisu ugguruu ( cufuu, sochiin geejjibaa hin jiraatu ).

° Heeruu Humnoota diinaa Waraana Bilisummaa Oromoo fi Qeerroo Bilisummaa Oromoof kennuu.

° Uggura Dinagdee kaa’uun magaalota irraa dhiheessii garaagaraa hanqisuu.

Sirnaan qabxiiwwan heeraman kanneenitti yoo dhimma ba’e uummanni Oromoo karaa salphaan qabsoo godhamaa jiru keessatti ga’ee ofii ba’ateera jechuun ni dandaa’ama.

Qaamni ugguraawwan kanneen fashalsuuf yaalu yoo jiraate, balaa isa irra dhaqqabu maraaf gaafatama ni fudhata. Uummati keenyas qaama kana godhu dhoksaa tokko malee ifatti baasee saaxiluu qaba.

Haalota hojii kanaaf rakkisoo ta’an ammoo Qeerroon Bilisummaa Oromoo ilaalee kan fooyyessaa deemu ni ta’a.

Turtiin Uggura kanaas bor Sadaasa 05,2022 guyyoota shaniif ( 5 ) hanga 10,2022tti tura. Jijjiirramni yoo jiraate ni beeksifama.

Uummati keenya biyoota addunyaa mara irra jirtanis rakkoo fi gidiraa uummati keessan keessa jiru kanatti xumura gochuuf, addunyaan ija ishee Oromiyaatti akka deebistuuf dhiibbaa uumuu qabdu. Gochawwan farra namoomaa hedduu Oromiyaa keessatti raawwataman bifoota garaagaraatiin saaxiluun ijaa fi gurra hawaasa addunyaa akka geessiftan, dirqama Oromummaa keessanii akka ba’attan gadi jabeessinee dhaammanna.

Irree fi Dhiiga keenyaan of kabchiisna, Gabroomfataatti xumura ni goona, Uummata keenyaafis nagaa Waaraa ni argamsiifna.

Injifannoon Uummata Oromoof

Sadaasa 04, 2022 Finfinnee Oromiyaa

Qeerroo Bilisummaa Oromoo.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading