• Fri. Mar 20th, 2026

Godina Arsii bahaa aanaa Heexosaa keessatti hidhaa fi dararrin hidhattoota murna bilxiginnaan nurratti raawwatu hammaate jedhu jiraattootni

Nov 5, 2022

Godina Arsii bahaa aanaa Heexosaa keessatti hidhaa fi dararrin hidhattoota murna bilxiginnaan nurratti raawwatu hammaate jedhu jiraattootni.

ONM-ABO Sadaasa 5, 2022 Murni abdii kutatee jiru bilxiginnaan lolaan Waraana Bilisummaa Oromoo dadhabe uummata harka duwwaa Oromiyaa golee hundaa keessatti ajjeesaa fi hidhaa jira. Godina Arsii bahaa aanaa Eexosaa ganda Aanoolee jedhamu keessatti waraanni sirnichaa lola waraana bilisummaa Oromoo waliin geggeessee erga injifatameen booda uummata harka duwwaa isintu deggara jechuun hidhaa fi reebichaa hamaa irratti geggeessanii jiru. Namoota siyaasa kam keessayyuu harka hin qabne namoota hedduu reebicha kan irraan ga’an yoo ta’u namoota ja’a ol ammoo hidhanii jiru.

Jaamboo Sulxaan nama sammuun isaa sirrii hin taaneefaa akka hidhanii jiranii fi qabeenya namoota hedduus carraa kanatti fayyadamuun saamanii jiru kan jedhan jiraattota ona Heexosaa ti.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading