• Sun. Jan 11th, 2026

Godina Arsii Lixaa Ona Heeban Arsii keessatti murni bilxiginnaa ajjeechaa fi manneen uummata gubuu hammeessan

Nov 7, 2022

Godina Arsii Lixaa Ona Heeban Arsii keessatti murni bilxiginnaa ajjeechaa fi manneen uummata gubuu hammeessan.

ONM – ABO – Sadaasa 7, 2022 Sirni bilxiginnaa kufuuf qarree kufaatii irra ga’ee jiru ijibbaata dhumaa keessa seenuun ilmaan Oromootti haaloo ba’uu hammeessuun qabeenyaa fi jireenya ilmaan Oromoo mancaasuu itti fufee jira. Akkuma abboota isaanii irraa baran sirni bilxiginnaa impaayerattii keessatti afaan qawween bulchuutti kan amanan tarkaanfii Waraanni Bilisummaa Oromoo goleewwan Oromiyaa cufa keessatti fudhaachaa jirutti baaraaguun tarkaanfii hadhaawaa fudhachaa jiru. Haaluma Kanaan onkololessa 4/2022 aanaa Heeban Arsii ganda Shopaa Bultum jedhamutti lola Waraanni Bilisummaa Oromoo humna isaanii irrattii fudhatetti rifachuun nama tokko ajjeessuun manneen namoota torbaa ibidddaan gubuun barbadeessaniiru. Obbo Fayisaa Galatoo mana isaa erga jalaa gubaniin booda isaas ajjeesaniiru. Namoota manneen isaanii badii tokko malee ganda Shophaa Bultum keessatti waraana murna bilxiginnaan jalaa gubate maqaan isaanii Tuyyee Gammadaa, Tashoo Gammadoo, Gamoo Bofee, Qossee Foqqisaa, Daddaafii Jullaa, Shaabee Bulloo kanneen jedhaman ta’uu jiraattootni Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading