Mootummaan Itoophiyaa Lixa Oromiyaa Magaalaa Mandii Dirooniin Rukute.
(SQ-Sadaasa 9/2022)
Mootummaan Bilxiginnaa yeroo gara garaatti halleellaa qilleensarraan uummata Oromoo fixaa jira.
Humnoota Faannoo hidhachiisuun lubbuu uummata nagaa gaga’aa kan ture mootummichi, yeroo amma bifa ammayyoomeen uummata nagaa fixaa jira.
Sadaasa 9/2022 Lixa Oromiyaa Magaalaa Mandii haleellaa xiyyaaraa mootummaan geggeessen daa’imman dabalatee namoonni hedduu lubuun darbeera.

