Haleellaa Qilleensarraa Mootummaan Itoophiyaa Lixa Oromiyaa Keessatti Fudhateen Hojjeeta Wangeelaa Ajjeefame.
(SQ-Sadaasa 9/2022)
Lixa Oromiyaa Mandiitti Mootummaan Itoophiyaa haleellaa qilleensarraa lammiilee nagaarratti fudhate.
Haleellaa kanaan daa’immanii fi dubartoota dabalatee, namoonni nagaan heedduun ajjeefamaniiru.
Hojjeetaa Wangeelaa Taarikuu Waannaa haleellaa Diroonii mootummaan fudhateen lubbuun isaa darbeera.

