Miseensi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Lixaa Kitaaba Barreesse Eebbisuuf qophiitti jira.
(SQ-Sadaasa 16/2022)
Barreessa Kitaaba Afaan Oromoo fi Ogeessaa fayyaa akkasumas, Miseensi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii lixa Jaal Irreessoo Maqaan dhalootasa Sooressaa Hundarraa kitaaba mata dureensa “SI AMANUU ?” barreessee harka dubbistootan ga’eera.
Barreessichi kanaan dura Kitaabasa Qarriffaa wal Nyaate jedhuun dubbistoota biraatti fudhatama kan argatee yoo ta’u, Ammammoo Qabsoo hidhannoon cinaatti gumaata aartiif ooleera.
Sagantaa Eebba kitaaba kanarraatti Keessummoonni Afeeramaniiru. Qondaaltoonni Waraana Bilisummaa Oromoofi Miseensoonni zoonii Hunda haasaa gabaabaa ni taasisu jedhamee eegama.
Baga gammadde!


