Tarkaanfii WBOn Fudhateen Qondaalli PP Ol’aanaa madaa’e. Akkasumas, Jeneraalotni Waraanaa Lama Ajjeefaman.
[SQ Sadaasa 25/2022]
Tarkaanfii laalesaaa gootichi WBO Zoonii Kibba Baha Oromiyaa Godina Arsii Bahaa Ona Jajjuu magaalaa Jimaatee jedhamu keessatti qondaala ol’aanaa Bilxiginnaa kan ta’e Obbo Alamuu Simee Tarkaanfi Fudhatameen Madaa’e. Madoo kanaan Harkisaa irraa cituufi Miillisa madoo jsbdu madaa’uu Maddeen Sagalee Qeerroo Bilisummaa Otomootti himan.
Bifuma wal fakkaatun,Jeneraalota waraanaa lama irratti fudhateen ajjeefamuun beekameera.
Tarkaanfiin kun kan raawwatame waaree booda naannoo sa’aa 8:00 tti yoo ta’u, qondaalotni PP WBO dhabamsiisuuf marii osoo gaggeeffataa jiranii ta’uus ONM gama isaatiin gabaaseera.
