Waraanni Bilisummaa Oromoo Kaleessaa fi Har’a Bakkoota Heedduutti Humnoota Bilxiginnaa Heeduu Hojiin Ala Gochuun, Onoota Addaa Addaa Bilisoomseera.
[SQ Sadaasa 26/2022]
Guyyaa kaleessaa jechuunis Sadaasa 25, 2022 gooticha WBO Zoonii Giddu-galeessaa Godina Addaa Naannawaa Finfinneetti kan argamtu Ona Muloo magaalaa Muloo guutummaatti to’atee humnoota diinaa heedduus booji’eera. Akkasuma Godina Arsii Bahaa Ona Jajjuu magaalaa Jimaatee keessatti tarkaanfii qondaalota ol’aanoo Federaalaa fi Oromiyaa WBO dhabamsiisuuf garasitti imalte heedduu du’aa fi madoon adabuu isiniif gabaasuun keenya ni yaadatama.
Guyyaa har’aa jechuunis Sadaasa 26/2022 WBOn Zoonii Lixaa Buttaan Eebantuu ganama obboroon ka’ee humnoota weerartuu Bilxiginnaa yeroo dheeraaf jiraattotaa fi sab-boontota onichaa hiraarsaa turte irratti tarkaanfii laalessaa fudhateen guutummaa Ona Eebantuu to’annoo isaa jala galcheera. Haaluma kanaan ji’oota heedduuf hidhaa keessatti dararamaa kan turan hidhamtoota siyaasaa baay’inaan 400 ol ta’an hidhaarraa hiiksisee, meeshaalee jajjaboo 3F tokko dabalatee humnoota diinaa irraa fudhachuun mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoof galii godheera. Humna Bilxiginnaa Onicha maandheffatte duaa fi madoon adabee, kanneen heedduutti tilmaamamtus booji’eera.
Gama biraatiin ammoo Zoonii Lixaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Ona Abbay Coomman fi Ona Kombolchaatti Birgeediin Bakakkaa tarkaanfii hadhaa’aa finxaaleyyii humnoota Abiy Ahmed irratti fudhateen Onoota kanneen dhuunfachuun injifannoolee jajjabduu galmeesseera.
Zooniilee Kibbaa Cibraan Aduu Saafaa Godina Gujii Bahaa Ona Gumii Eldaallootti, akkasumas, Cibraan Odaa Adoolaa Gujii Bahaa Ona Sabbaa Boruu keessatti humnoota diinaa, kaampiilee ishee dabalatee dhabama godheera. Akkasuma Zooniin Giddu-galeessaas Lixa Shaggar Ona Cobii fi Jalduu tti haleellaa humnoota muurna Bilxiginnaa saba Oromoo cunqursuuf baate irratti taasiseen injifannoolee heedduu galmeessuu maddeen Sagalee Qeerroo guyyaa har’aa fi kaleessaa argate ifoomsaniiru.
Tarkaanfileen barsiisoofii jajjaboon akkasii humnoota gabroomfattuu irratti fudhatamu Oromiyaa guutuu keessatti cimanii kan itti ta’uunis hojiiwwan hanga ammaa irraa hubachuun ni danda’ama.
