Warraaqsi Oromoo Baraaruu, Oromiyaa bakkoota hedduutti geggeeffamaa jira.
SQ- Mudde 12,2022
Labsa Qeerroon Bilisummaa Oromoo, Koree Qindeessituu Warraaqsa Oromoo Baraaruu waliin ta’uun gaafa Mudde 11,2022 taasise hordofuun, Sochiin #OB kan Barattoota Oromootiin torbanoota darban geggeeffamaa ture, daran cimee itti fufee jira.
Haaluma Kanaan, Guyyaa Har’aa jechuun Mudde 12,2022 Warraaqsichi haala labsa QBOtiin tarkaanfii barbaachisan fudhachuutiin geggeeffamaa jira.
Warraaqsa Oromoo Baraaruu kana irratti yaada isaanii kan kennan miseensonni Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Qabsoon Oromoo, xiyyeeffannoo fi Haguuggii Miidiyaalee addunyaa isaaf malu argachuu sababni dhabeef, Sochiin Keenya Guutummaatti karaa Nagaa geggeeffamaa jiraachuu isaati jedhaniiru. Miidiyaaleen Idil-addunyaa, hokkara irratti xiyyeeffannoo kennu kan jedhan miseensonni Qeerroo, nuti Garuu galmi Qabsoo Keenyaa Biyya Oromiyaa Naga-qabeettii ijaaruu waan ta’eef, aarsaa barbaachisu kaffallee, bifa Tasgabbiidhaan geggeessaa jirra jedhan. Karaa Tasgabbiidhaan geggeessaa jiraannulee, wareegama kaffaluun keenya hin oolle kan jedhe Qeerroon, Labsi ugguraa kun murtoo gaariidha jedheera.
Sababni lammaffaa ittiif xiyyeeffannoo miidiyaalee addunyaa dhabne ammoo, Sababa Uggura Bilbilaa fi interneetii kutaalee Oromiyaa irra sirna PP tiin kaahameeti kan jedhan Qeerroon, haga danda’ametti, Suursagalee sochii diinaa fi kan qabsaa’ota keenyaa waraabnee miidiyaalee keenya akka ONM, Sagalee Qeerroo fi OMNf erguun haala Haguuggii Miidiyaalee kana fooyyessuu danda’a jedheera.
Akeekni Uggura labsamee jiruu, Sochii diinaa danquu fi dinagdee diinaa hongeessuu akkasumas haleellaa dirooniitiif uummanni akka hin saaxilamne gochuutiin, hojiitti hiikamsa Oromoo Baraaruu kan jabeessudha waan ta’eef, Oromoon hundi Sochii Ofbaraaruu kana jabeessuu qaba jedhaniiru maddeen.
Warraaqsi Oromoo Baraaruu, haga Bilisummaa Oromoo tti itti fufa!
WOB!
Oromiyaan Biyya!
