Waamicha “Warraaqsa Oromoo Baraaruu” Jedhu Jaarmayaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo Labse Yuunivarsitii Wallaggaattis Hojiirra Ooleera.
[SQ Mudde 12/2022]
Labsa Warraaqsaa Jaarmayaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo maqaa “Warraaqsa Oromoo Baraaruu” jedhuun labseef deebii kennuun, barattoonnii fi Qeerroon barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Wallaggaa har’a ganama jechuunis, Muddee 12,2022 obboroodhaan mormii fi sagalee Warraaqsaa dhageessisaa oolan.
Hiriirri mormii kun mooraa lamaan: Mooras muummichaa kan Naqamtee fi damee Gimbiitti argamu keessatti ta’uun beekameera.
