• Wed. Jan 14th, 2026

“Labsii Ugguraa” kan Koreen Qindeessituu Warraaqsa Oromoo Baraaruu fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo waliin ta’un Mudde 11, 2022 ibsa baasee, Mudde 12, 2022 eegalee hojiirra oolchaa ture kaasuu ta’a

Dec 17, 2022

“Labsii Ugguraa” kan Koreen Qindeessituu Warraaqsa Oromoo Baraaruu fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo waliin ta’un Mudde 11, 2022 ibsa baasee, Mudde 12, 2022 eegalee hojiirra oolchaa ture kaasuu ta’a.
( Qeerroo Bilisummaa Oromoo Mudde 17, 2022)

Kabajamaa Uummata Oromoo kan salphina garbummaa jalatti gidiraa ulfaataa argaa jirtuu fi ilmaan sabichaa maraaf,
Hafuura tokkummaa yeroo ammaa ittiin dammaqnee falmatti jirru, fooyya’insa kan qabuu fi abdii kan namatti horu ta’ullee, tokkummaa fi dammaqinsi Oromoo, biyyummaa fi walabummaa Oromiyaa irrattii fi Oromummaa irratti osoo hin taane, roorroo fi miidhaa alagaan nurraan gahu irratti hundaa’uun isaa, weerartootatti dursinee dammaqnee ofirraa qolachuun biyya keenya tikfachuurra, miidhaa isaan nurraan gahan qofa duubaan deemnee of suphuu irratti akka yeroo fi humni keenya qisaasa’u nu taasisaa jira. Dammaqinsaa fi Tokkummaa argisiiftaniif galateeffachaa, hanqina kanammoo akka sirreeffannee diina dursinee kaanu dhaamna.

Akkuma beekamu Qeerroon Bilisummaa Oromoo haalota dhumiinsaa fi daguuginsa sanyii yeroo ammaa Oromoo irratti deemaa jiru, qolachuuf Mudde 11, 2022 labsa taasiseen Mudde 12, 2022 irraa eegaluun Oromiyaa bakkoota garaagaraatti, hojiin boonsaa fi diina mataa gadi qabachiisu hojjetamee jira.
Kanas qabatamaatti Uummanni Oromoo fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo walta’uudhaan, labsi kun imala Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti akka qooda taphatu, gumaacha jabaa kennaniiru.

Uummanni cunqurfamaan kun qabsoo qindaa’aa fi ifaa ta’een diina diduu isaa ifatti agarsiisuun umurii abbaa irree hanga gabaabsutti, Oromoon akka sabaatti jiraachuun isaa balaa keessa akka jiru wal nama hin gaafachiisu.
Hojii uggura amma hojjetame kana irratti wanti nama abdachiisu, Uummati Oromoo waggaa 4 oliif “maqaa mootummaa Oromoo ” jedhuun gowwoomfamee burjaaja’ee ture ifatti dammaqee Qabsoo Walabummaa Oromiyaaf godhamutti deebi’uu isaati.
Ammas Qeerroon Bilisummaa Oromoo fi Koreen Qindeessituu Warraaqsa Oromoo Baraaruu waliin ta’uun haalota aanja’uu qaban erga xumuratee booda yeroo murteessaa ta’ee argamutti labsa biraa kan labsu ta’uu hubachiisaa, Qeerroo fi Uummatni keenya dammaqiinsa guddaadhaan akka eegdanu asumaan yaadachiisna.

Labsiin Ugguraa kan Mudde 12, 2022 eegalee labsamee ture kan bakkoota itti milkaa’ees, kan itti hin milkaa’iniis waluma faana Muddee 18, 2022 irraa eegaluun ni kaafamu. Sababni uggura kana yeroof kaasuun barbaachiseef bakkoota garaagaraatti sochiin barattootaa waan jiruuf, qotee bulaan keenyaa fi daldalaan gabaa irraa dirqama waan fayyadamuu fi haalota qophii uummata keenyaa ilaalcha keessa gachuutiin uggurri kun akka kaafamu murtaa’ee jira.

“Uggurii ka’uu” yeroo jedhamu Warraaqsota bifoota fi tooftaalee garaagaaraan godhaman faana kan wali hin qabanne ta’uu isaas ifatti ibsuun, hiriirrii, mallattooleen diddaa garbummaa adda addaa fi tarkaanfiin qabeenya diina irratti fudhatamu kan itti fufu ta’uu hubachiisna.
Diddaan uummati, Barataan, Daldalaan, Ogeeyyiin Fayyaa, Hojjettoonni Mootummaa fi Miti-Mootummaa Sirna abbaa irree irratti karaa adda addaa taasisan hanga Bilisummaatti jabaatee itti fufa. Sanas tooftaa addaa addaatti dhimma bahuun hojiirra oolchuun jabaatee kan itti fufuu fi yeroo dhiyootti, qophii barbaachisaan erga taasifamee, labsa biraan akka dhufnu gamanumaan ibsuu barbaanna.

Galmi Warraaqsa Oromoo fi Oromiyaa Baraaruu, Bilisummaa qofa.
Injifannoo Uummata Oromoof!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Mudde 17, 2022
Finfinnee, Oromiyaa

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading