ONM – ABO – Amajjii 17, 2023 Akkuma sirnoota darbanii murni abbaa irree bilxiginnaa uummata Oromoo akka lammii lammaaffatti ilaaluun gocha dhala namaaf hin malle irratti raawwachaa jira.
Sabaaf sablammoota impaayerattii keessa jiran keessaa Oromoo irratti xiyyeefachuun guyyaa guyyaan gocha dabaa irratti raawwachuu akka isaan hojjatatanii hiyyummaa keessaa hin baaneef waan isaan qaban kallattii garaagaraan harkaa saamuun gadadootti uummata bal’aa galchee jira.
Lixa Harargee keessaa aanaan Odaa Bultum baroota darban keessa aanoota hongeen miidhaman keessaa tokko yoo taatu gareen miidhamuu Oromoo jaallatuu fi uummata Oromoo lafa irraa duguuguuf hojjachaa jiru kun uummata ofiifuu waan nyaatee bulu hin qabne gandoota baadiyaa fi magaalaa aanichaa hunda keessatti maallaqa murna bilxiginnaaf kanfalaa jechuun namni cufti qarshii dhibba ja’a fi shantama akka kafalan gochaa jira.
Namoota hin qabne ammoo reebicha humnaa olii irratti geeggeessuun hidhaa kan jiran yoo ta’u namni miidhamu uummata kana ijaan osoo arguu dirqamaan irraa guursisaa jiru Ahimed Jamaal Haaruun kantiibaa magaalaa Burqaa ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.