ONM – ABO – Gurraandhala 8, 2023 Barattootni finxaaleyyii Amaaraa guyyaa dheengaddaa Guraandhala 7, 2023 qabuun mormii garaa arguing turan.
Mormii isaanii gara okkoraatti halkan guyyaa kaleessaa Guraandhala 8 deebisuun barattoota Oromoo loluu eegalan.
Erga manni amantaa Ortodoksii sinoodosii Oromiyaa afaan dhalootaan barnoota amantii isaatii haa barsiifatu jechuun dhaabbatee finxaaleyyiin Amaaraa mormii gama hundaan agarsiisuu itti fufaniin dhaabbilee barnootaa olaanaa keessattis jibbiinsa Oromummaaf qaban akka mul’ifatan taasisanii jiru.
Barattootni finxaaleyyii Amaaraa kun uffata gurraachaa uffachuun barattoota Oromoo irratti guyyaa roorrisaa oolaniin galgala irraa gara walitti bu’iinsaatti ce’ee ture.
Walitti bu’iinsa kana irraan kan ka’e dhukaasni hedduun mooricha keessatti kan dhukaafame yoo ta’u gareen Saatanaaw jedhaman mooricha keessa dhoksaan seenuun miidhaa barattoota Oromoo irraan geessisuuf hojjechaa akka jiran barameera.
Hanga gabaasni kun qindaa’etti reebichaan alatti miidhaan addaa barattoota Oromoo irra ga’e adda hin ba’in jiraachuu himan.
Sababa wal dhibdee kanaan dhukaasa dhuka’een barattootni faffacaa’anii bakkee keessa bulaa jiraachuu barataan Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko himeera.