• Sat. May 4th, 2024

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo magaalaa Muggii keessatti doorsisni maatii qabsaa’oota irra ga’u bifa haaraan itti fufe

Feb 20, 2023

ONM-ABO Guraandhala 20, 2023 Murni afaan qawween jaarmiyaa qawwee qabatee sirna isaanii lolu, qawween dadhabe bilxiginnaan maatii miseemsota waraana isaa doorsisuu tooftaa ittiin waraana kana dadhabsiisan taasifatee hojjechaa jira.
 
Haala kanaanis dheengadda Guraandhala 18, 2023 godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo magaalaa Muggii keessatti maatii qabsaa’otaa kanneen miseensa waraana bilisummaa Oromoo ta’an doorsisaa turan.
 
Guyyuma sana maatii Jaal Bilisummaa Hiisaa, harmee isaa waajjiratti waamuun ilma kee hin galchitu taanaan koomaandpoostiin duuta jechuun guyyoota muraasa keessatti akka galchitu akeekkachiisan.
 
Magaalichuma keessatti namoota ilmaan isaanii dirree qabsoo jiran tokko tokkoon waamanii doorsisaa turan.
 
Murni bilxiginnaa karaa pireezidaantii isaanii araara ni barbaanna jedhuus caasaan isaanii sadarkaa gadii akkaataa itti waraanicha diigan irratti qajeelfama fudhataniin hojjechaa jiraachuu kan nuuf himan maddeen, dubbiin isaanii goyomsaa fi fakkeessii siyaasaati malee dhugaa irraa kan madde miti jedhan.
 
Magaalaa Muggii keessatti doorsisa irra deddeebiin maatii miseensota Waraana Bilisummaa Oromoo irraan ga’aa turaniin booda bara 2020 baatii Waxaabajjii keessa abbaa fi harmee Jaal Caalaa Ashaagiree ajjeesuun isaanii ni yaadatama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading