• Tue. Dec 5th, 2023

Godina wallagga bahaa aanaa Angar Guutee keessattii Finxaaliyyiin Amaaraa nama tokko ajjeesuun qabeenya saamuun barame

Apr 1, 2023

ONM-ABO Ebla 1, 2023

Fedhii fi dantaa finxaaleyyii Amaaraa qofa Kan tiksuu murni bilxiginnaa, saboota Kan biroo meeshaa waraana hidhaachiisun tumsa godheefi ilmaan oromoo samsiisa fi ajjeessisaa Jira.

Haaluma kanaan Bitootessa 27, 2023 godina wallagga bahaa aanaa Angar Guutee keessattii Finxaaliyyiin Amaaraa Faannoo jedhaman namoota nagaa qabeenyaa Isaanii saamuun nama tokko ajjeesan.

Namni lubbuun darbe maqaan isaa Dabalaa Gammachuu kan jedhamu dhalootaan aanaa Haroo Limmuu ganda Boolloo Guddinaa ta’un barameera

Dabalataanis loon baay’innii isaanii  shantama ta’aan namoota maqaan isaanii Asaffaa Baqqalaa, Taakkalaa Gammachuu,Magarsaa Amsaaluu fi Dhinsaa jibaat namoota jedhaman jela saamaanii demuun ifoomeraa.

Godina Qellem wallaggaa bulchiisa magaala Dambii Dolloo keessaatti Ilmaan Oromoo murtii malee baatii dheeraaf mana hidha keessaatti daraaraa jiru.

Leave a Reply