ONM-ABO Ebla 1, 2023
Gareen saamichaaf wal jijjiiree filannoo uummataa malee aangoo irraa taa’u bilxginnaan, godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti saamichaa maallaqaa fi qabeenya biroo irratti geggeessuu itti fufee jira.
Maqaa kitaaba “dhaloota ida’aamuu” gurguurraa jedhuun sadarkaa gandaa irraa egaaluun ummaata garee gareedhan qooduunii tooftaa ittin ummaata irraa mallaaqa saamaan tolfatanii jiraachuu jiraattotni himan.
Akka jiraattotni jedheniitti gareen tokko bittaa kitaaba kanaaf qarshii 5000 fi isa ol kaffaalu akka qabu humnaan itti yoo murteessaan, ummaannii waan kaaffalu dhabee rakkaachaa jiraachuu dubbatan.
Yeroo itti qali’iinsii jireenyaa fi balaa hongeetiin uummanni miidhamee beelaaf saaxilamun, loon dhumtee, uummannii impaayeratti waan nyaatu dhabee gargaarsaa barbaaduttti, murnii aangoorraa jiru ummaata homaa hin qabnee saamaa Jira.
Godinalee oromiyaa saamichii kun keessatti geggeeffama jiru keessaa muraasni, Gujii bahaa, Gujii lixaa, Boorana, Jimmaa, Bunnoo Beddeellee, Iluu Abbaa Booraa, kaaba shaggar, lixa shaggar, baha shaggar, kibbaa lixa shaggar, lixa wallaggaa fi lixa Harargee dabaalate kanneen biroo keessatti saamichii Kun jabaate ademsifamaa jiraachuu jiraattotni himan.






