ONM- ABO Ebila 10, 2023
Murni bilxiginnaa waggoottan shanan kana keessatti uummata Oromoo addatti xiyyeeffachuun hidhuu, ajjeessuu fi qabeenya jalaa mancaasuu raawwachaa jiru itti fufuun waraana isaa badii malee hidhuu fi ajjeessuun cinaatti finxaaleyyii Amaaraa uummatatti bobbaasuun lubbuu Oromootaa akka baalaa harcaasaa jira.
Haaluma kanaan aanaa Saassiggaa ganda Jimaateetti Ebla 7, 2023 waraanni finxaaleeyyii Amaaraa konkolaachisaa maqaan isaa Ayyaanaa Waabayyaa Tolosaa jedhamu dirqama deemta jedhanii qabuun yoo ajjeesan, konkolaataa isaa FSR ammoo mooraa isaaniitti fudhatanii galuun, reeffa isaa guyyaa tokko booda maatiin arguun awwaalatan.
Oduu biraatiin ammoo godinuma baha Wallagga magaalaa Naqamtee keessattii Ilmaan Oromoo baay’inni isaanii 26 ol ta’an ganda 07 keessatti badii tokko malee hidhamanii dararamaa akka jiran maddeen himaniiru.
Namoota hidhaman keessaa kan maqaa arganne; Barsiisaa Faqqadaa, shamarree Dinqee, Gammadaa Dirribaa, Badhaasaa Bal’inaà fi namootni biroon hedduun maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu jedhuun hidhanii jiraachuun barameera.
Dabalataanis Barataa Dagagaa Bal’inaa yeroo darbe waraanni bilxiginnaa magaalattii keessatti irratti dhukaasuun qaban mooraa isaaniitti reebicha hamaa irraan waan ga’aniif miidhaa fayyaaf saaxilamuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa magaalaa Naqamtee himaniiru.









