• Sat. Apr 27th, 2024

Irbuu Post Baatii lamaafi marsaa tokoo kan isiin qaqabsiisu yootahu. Yeroo amma Jildi Jahaaffa isin qaqabsiisuuf qophii xumureera – Ebla 17, 2023

Apr 17, 2023

Dabni Seenaa Siyaasa Impaayeera Xoophiyaa, Warraaqsa har’a ilmaan Warqituu finiinsaa jirtuun gudunfaa argata (Jaal Gurmeessaa Lammii)

Seenaan guca eenyummaa saba tokkooti. Addunyaa kanarraa sabni akka sabaatti seenaa dhabe hin jiru. Ergan waa’ee seenaa kaase, seenaa uummata Walloo Oromoo waanin hubadhe isiniif qooduu fedhe. Barri 1769-1855 bara Bulchiinsa Yejjuu Oromoo Wallooti malee Zamana

Messafint ( Era of War Lords) miti. Dabni

Seenaa Siyaasa Xoophiyaa Zamana

Messafint fi Dhugaa Bulchiinsa Siyaasa Yejjuu Oromoo Walloo bara 1784-1855, gidduutti ta’e Warraaqsa amma uummanni Walloo jalqabeen roga godhachuun isaa waan hin oolledha.

Zamana Messafinti ( Era of war lords) Daba Seenaa Habashoonni olaantummaa siyaasaafi dinagdee akkasumas eenyummaa Oromoo Walloo sirna bulchiinsa Yejjuu ykn Warrashee jedhu gadi qabuuf dalagame malee guyyaa tokkoof illee sirni siyaasa bulchiinsa impaayeera Xoophiyaa yeroos  adda citee hinbeeku. 

Haata’u malee barreessitoonni Habashaas ta’ee Hayyoonni seenaa warra adii kitaaba seenaa warri Seemetik barreessan waabeffachuun seenaa sobaa hanga tulluu dheeratu lafa ka’aniiru. Hayyoonni kunneen daba seenaa, seenaa uummata Oromoo Walloo micciiruun akkasumas, dhugaa ifa jiru golguun bara Zamana Messafintii jechuun maxxansa hedduu maxxansanii har’aan gahaniiru. Alagaan seenessa sobaa qabatee seenaa dhugaa uummata keenyaa ukukkubsuun kan ofii isaa akka isaaf tolutti arbeesse barreessuun burjaajii seenaa uummata keenyaa addunyaa keessatti uumeera. Akka H*shoonni seenessanitti barri kun ajjeechaan Mootii Warra Goondar Iyyo’aas II bara 1769-ti Mikaa’el Sahuuliin irra gahee akka sababaatti fudhatu. 

Kanarraa ka’uun bara 1769-1855 gidduu kan jiru bara mootiin hinjirre. Kana malees, bara mootummaan giddu galeessaa laafeefi hooggansi qajeeltoofi humna qabu itti diigame jedhanii amanu. Dabalataanis bara abbootiin waraanaa biyyattii harka harkaan qircanii bitan jechuun dhugeeffatu.  Haqni ifa galeessi garuu kan armaan gadiiti. Kunis, Barri 1784-1855 yeroo itti Walloon Oromoo maqaa bulchiinsa Yejjuu ykn Warrashee jedhamuun siyaasa Impaayeera Itoophiyaa bara 1270-1769, tooftaa sirna bulchiinsa Hortee hidda warra Solomoonowaa dhiiga uummata Oromoo kumaatama lolaasee hiddasaa lafa keessa fageeffatee tureefi

eenyummaa uummata Oromoo dhugaa awwaalee dabaafi kijiba hanga tulluu

dheeratuun Oromummaa Oromoo

balleessuuf ifaajaa ture irratti olaantummaa gonfachuun siyaasa  hidda warra Solomoonowwaa ciruun teessoo mootolee kiristaanaa Abiyisiniyaa Goondaritti argamu to’achuun bulchaniiru. Fknf, Raas Alii Guwaangul 1784-1803, Raas Gugsaa1803-

1825, Raas Yimaam 1825-1828, Raas Maariyee 1828-1831 fi Raas Alii II 18311855.

Bulchiinsa Yejjuu Walloo bulchiinsa Impaayeera Xoophiyaa yeroo sanaa irraa adda kan taasisu dhiibbaa Amantii irraa biliisa ta’uu isaati. Akka mootolee kiristaanaa Amantii giddu galeessa kan godhate hinturre.  Utuu wal irraa hincitiin waggaa 61f Bulchiinsa Yejjuu ykn Warrashee jedhuun siyaasa kaaba Xoophiyaa to’ataniiru. 

Walumaagalatti Seenaa Habashoonni  waa’ee uummata Oromoo barreessuun asin gahan soba hanga tulluu dheeratu ta’uusaa dhaloonni qubee beekuuti qaba.

Uummanni Walloo akka sabaattii cunqursaafi daba seenaa guddaa sirni abbaa irree irratti raawwachaa ture finqilaachisuuf ijibaataa ture, jiras. 

Sabboonummaafi Oromummaa Oromoo isa dhugaa dhiiga isaanii lolaasuun gootummaa seenaa warra nafxiitti agarsiisaa jiru. Har’a nafnyaan bifa adda ta’een of gurmeessee duula qinda’aa uummata Walloo irratti

labsaa jiruuf inni guddaan foolii

Oromummaa dhugaa gamasii qilleensa’aa jirtu dhabamsiisuuf akka ta’e namnuu beekuu qaba. kana malees, lafni uummanni keenya Walloon irra jiraataa jiru magariituu ta’uun naf*nyaaf mataa dhukkubbi kan biraa ida’eera. Gabaabumatti, uummanni walloo bara baraan kan inni dhiibamaa jiruuf Oromoo ta’uu isaa qofaaf. Alagaan guyya guyyaatti ajandaa bocuun uummata keenya dadhabsiisuuf hojjetus, uummanni keenya Walloo Oromummaa ganama waaqni dhondholee waliin uume ofirraa hin molqine. Kanaaf, uummanni keenya lola qinda’aa nafxanyaa uummata keenya Walloo irratti labse fashaleessuuf tokkummaan ka’uu qaba. Walloof waloomuun bilisummaa Oromoofi Oromiyaa mirkaneessuudha.  waloomnu!

Haasawaa Ajaja Olaanaa ABO-WBO Jaal Marroo Dirribaa Eebila, 2023 eebba WBO zoonii lixaa irratti dubbatan barreeffamaan!!

“Jirtuu? Jirra! Akkaas! Leenca!..

Hayyee! Baga ittiin isin gahe..baga walumaan nu gahe. Leenjii  Xumurattanii? Eeyyee, maal? Leenjii! Leenjiin xumura hin qabdu,,,, hanga bilisummaatti yookan waree-gamaatti jechuudha. Waraa-nni bilisu-mmaa oromoo kan inni leenji’u mooraa leenjii qofaa seenee miti. Jireenyi isaa, sochiin isaa, lo-lli isaa hundi yeroo hundumaayyuu leenjii qaba. 

“Nii dhaga’amaa duuba sanatti? Maayikii dheeraa hin qabu! Hayyee kaleessaa qeerroo bilisummaa oromoo turtan har’a immoo kaadhimamaa waraa-na bilisummaa oromoo ta’uuf leenjii hanga isin barbaachisu jalqabaa fudhattanii gara miseensa waraa-na bilisu-mmaa oromoo ta’uuf guyyoota moo, sa’atii moo, daqiiqaa moo, sekondii lakkaa’uutti jirtu? Sekondii. Kanaan dura leenjii bal’aan kennamaa ture nii beektu, kanan dura oromiyaa keessatti qeerroo bilisummaa oromoo gaafa taatanis waraa-na bilisu-mmaa oromoo waliin lo-laa turtan. Yoo hin lo-lle ta’es qaama lo-laa sana taananii hanga xurii qeensallee taatu qabsoo bilisu-mmaa oromootiif waa gumaachitanii turtan. Har’a immoo hidhattanii hidhannoo sammuu fi mudhiitiin miseensa waraa-na bilisu-mmaa oromoo ta’uuf dirree leenjii waraa-na bilisu-mmaa oromootti argamtanii eebba guyyaa har’aa Ebla 4,2023 geessanii, asumaan silaa egaa Eebilli ji’a seenaa qabsoo bilisummaa oromoo keessatti ji’a kabajamaadha….Amma yeroo leenjitan xumrattanii gara miseensa waraa-na bilisummaa oromoo taatanii jaarmiyaa waraanaatti dabalamtan isin warra ba’a nurraa buusu, qaawwa jirtu duuchu, rakkoo jirtu furtu, warra akkasii akka taatanittin isin abdadha,…Oromoonis akka isin kana guuttan,  ulaagaa kanaanis akka   leenjitan..waraa-nni bilisu-mmaa oromoo haala hamtuu keessatti kanaan dura leenji’ee lo-lee, lo-lchiisee bakkoota hedduu bilisa baasaa ture,,,sagantaa qabna ture sagantaan sun bilisummaan halee-llaa geggeessinee lafa qabannee ittisnee irra turru hin turre. Namoota hin galleefis akka galun barbaada, sagantaan sun sagantaa humna waraa-naa gahaa oromiyaa bilisa baasuu danda’u ijaarrachuuf sana immoo hi-dhannoo gahaa ta’e itti hidhuuf dii-narraa hiikuuf sagantaa saganteeffame ture jechuudha. Halee-llaa guutummaa oromiyaatti geggeessine raajii inni sichi nurraa eegan isa faranjiin “sarpiraayizid” jettun dii-na raasaa turre sana, isa amma laafatee mogoleen jalaa roqomaa jiru bakka qaama laafaa isaa sana iddoo itti ru-kunnu hin geenye, gahuuf immoo hidha-nnoo mudhii sassaabaa turre sana W*3*O isa har’a lakkoofsa isaa guddatetti hiineetu halee-llaa sanatti deemuuf jirra. Achis nii geenya. Hin shakkinu. Nii in-jifanna. Bakka sana gahuuf akka itti deemne qabna. Daandii irra deemne qabna. Bu’aa bahii baane qabna. Waan keessa dabarre qabna. Amma dhiyaanneerra. Shan nuun jechaa turaniyyu? eeyyee,, kuma shantamatu jira har’a! Shan nuun jechaa turaniyyuu? Kuma dhibba shan ta’eera har’a! Shan nuun jechaa turaniyyu? Miiliyeena shan ta’eera har’a! Shan nuun jechaa turaniyyu? Miiliyeena shantama ta’eera har’a! Oromoo hunda dhuunfateera. Waraanni bilisummaa oromoo har’a akka kaleessaa sana miti. Guutummaa oromiyaa keessatti qophiimatti jirra. Qophii sana itti guunna, ati bakka sanatti dhaqxee nama akka guuttu, akkasitti isin beeka, akkasittis of qopheessaa turtan. Akkasittis bobbaatu. Achiin booddee inni fagootti kuunnoo jechaa turan iddoo itti kunooti jedhan sana bakka qaama laafaa sanatti guutaa deemna jechuudha. Bakka qaama laafaa sana gaafa ru-kunne akka har’aa waraa-na bilisummaa oromoo lakkoofsaan baay’isuufi hidhannoo mudhii isaa itti hidhuuf  diina irra waa harcaasaa turre bahaa turre sana hin ta’u jechuudha….Akkuma jettan iddoo jettanittis nii mirmirsina. Hin shakkiin isa kana. 

Kanaafuu yeroo wee-rara geggeessaa turre, oromiyaa keessa yeroo socho’aa turre, hir’inni naamusaa kan oromiyaa keessatti dargaggoon oromoo baratee barnoota carraa isaa hin arganne sanuu baratee…erga baratee immoo darbee hojii itti hin arganne barchuu mitiiti baratee hojii itti argachuu mitiiti jiraachuunuu oromiyaa keessatti lafa rakkoo ta’etti, dargaggoon oromiyaa keessatti abdiin sabaa, egereen biyyaa, gaachanni oromiyaa, mootummaa dhufaa darbaa impaayera Xoophiyaa tiksan biratti yaaddoo ta’ee, yaaddoo sanan immoo adamfamee jiraachuun baay’ee itti ulfaate sun bakka hedduutti jireenya dhabuurra ganama bahee dalagatee galgala galuun deebi’ee hin jirtu waan ta’eef daandii irra taa’aa turee, dhagaa battee tokkorra ganama baatanii taa’aa ooltanii rifeensa micciraa ooltanii, lafti bar’ee namaan halkanaa’u, halkanaa’e namaa hin bari’u, kanaafuu mootummaa biyya abbaa qabduu, mootummaa ilmaan sabaa waan hin taaneef dagaggoon egeree biyyaa yeroo doomu, yeroo jallatu, jallina sanatti, doomina sanatti, hanqina sanatti oofaa turan. Sun immoo dhaloota wallaalaa, duudaa, gaaffii mirga isaa gaafachuu hin dandeenye, mirgaaf dirqama isaa adda baasee hin beekne, dhaloota akkasii dhalchanii, aangoof barcuma siyaasa irra bara baraan jiraachuuf waan kana tolfameef, dargaggoon akkasii lafti bar’ee hin halkanoofneef halkanaa’ee hin bariineefis sun suusii silaa Jimaa, Tamboo, Harqee, amma immoo darbeeyyuu yaaddessaa kan ta’e oromiyaa keessatti kan takkaa seenaa oromoo keessattuu aadaa, safuufii duudhaa oromoo keessatti argamee hin beekne Hashiisii sadarkaa boroo mana ofiitti bilqilfachuutti dargaggeessa gahe! Dargaggeessi akkasii yeroo hin sochoone, bakkoota adda addatti tarkaanfiin fudhatamu,  mootummaa laafaa, roqomaan milishaan isaa, poolisiin isaa, waraanni isaa, qa-wwee bakka adda addaatti harcaasu, qa-wwee oromiyaa keessatti yaaddoo akka taatuu fi dargaggeessa hojii dhabee, dhiitame, barnoota dhabe, bahee galuu dhabe, qawween dargaggeessa akkasii harka gala. Oromoon Oromiyaan, sabni, saboonni cunqurfamoo hedduun ollaa fi oromiyaa keessa illee jiran rakkoo keessa seenamaa turre kun dhugaa jiruufi mul’atu. Haala

akkasii keessatti laafinoota jijjiraniin

waraanni bilisummaa Oromoo bakkuma adda addatti mooraa leenjii adda adda banuun, mooraaleen leenjii banaman silaa yoo dandeettii namaa gabbisuu ta’e, yoo hidhannoo sammuutiin gabbisanii baasuu ta’e, garbummaa qolachuuf yoo ta’e bareedaa ture. Kana ta’uu hanqachuu, seenaa waraana lixaa dhihoo kanaatiin kan beekamu lafa itti qulqullaa’ee leenji’ee bahu, sirnaan dafqa uka keessa cobsee, beela’ee, dheebotee, gangalatee, waraana akkasii akka kaleessaatti kan uummanni oromoo dafqa keenya iyyuu akka shittootti jaalatu waraana bilisummaa oromoo kaleessaa sana deebisna. Sirna dhabummaa, gadhummaa, ayyanlaallattummaa, hantuuta gumbii uru, dabeessa haadhaaf abbaa isaa irratti gootaa isa akkasii sana qulqulleessaa adeemna. Isin warra akkasiiti. Warra kalesssa biyya keessatti akka adda addaatti Oromoon gumbii isaa onsee, kiisii isaa onsee, ilmaan isaa hagabsee osoo nu leenjisuut deebi’ee oromoo irratti rakkoo uume. Isa akkasii nii qulqulleessina. Rirma dhaaba keessa ayyanlaallattummaa, sirba dhablummaa agarree bira hin dabarru. Qabsoon bilisummaa oromoo har’a booddee, kaleessas jalqabee akka isa darbee akka barteen hin adeemu. Akka barteen deemuu hin danda’u. Har’a oromoon qaanii garbummaa isheen keessa jirtu waggaa gaafa 1860 fi 1870 keessa ka’e. Koloniin tokko jedhee ilmaan oromoo Walloo irraa eegalee hanga 1903tti Boorana irratti xumuratee dhaabbatuutti har’a bara 2023 keessa jirruutti waggaa 160 darban garbummaa nuti kana keessa turre baay’ee ulfaataa fi qaanessaadha. Kana keessaa bahuuf uursuu, sossobuu, harka irra dibanii darbuu, osoo hin malaasiin hooquu, sanan galma hin gahu. Kanaafuu sirni dhabummaan akkasii nu keessaa nii buqqa’a. Bakka hin qabaatu. Ulee seeraatu jira. Uleen seeraa aangoo miti, guddummaa furdumma, gabaabummaa, qal’ummaa, dheerummaa miti, uleen seenaa daa’imattiyyuu yoo kenname qajeelfama, kaayyoo fi akeeka tokkitti qabnu baaneef sana jaarmiyaa tokkittii kaleessa jaallan kan akka jaal Elemoo Qilxuufaa, har’a as teenyee qa-wween balbala keenya jirtu oromoon inni kaleessa gurra qabatee namatti iyyu har’a dura namaa tarkaanfatee waree-gamu osoo hin jiraatiinuu, warri kaleessa baar gama ce’anii qa-wwee barbaacha oromoof, warri kaleessa qawwee barbaacha oromoof Sumaalee dhaqan sabummaa illee akka jijjirratan taasifaman. Qa-wwee barbaachaaf Oromoo taanee oromoof manaa baanee qa-wweef jecha sumaalee taanee manatti hin deebinu warri jedhe, warri kalesssa amantii, kutaa, gandaan fi lagaan gargar hin baanu jedhee Shinnigaatti waliin awwaalame har’a silaa isaan guyyaa sana hin darbanii wareegamni isaanii gaafasi, osoo garuu guyyaa sana irbuu oromummaa sana sharafaniruu ta’ee isaan goota hin turre. Arrabsamaa jiraatu turan, baga waree-gaman isaan! Nutu garuu har’a waree-gama isaan kaleessa itti waree-gaman sana faajjii isaanii, guca isaan qabsiisaan ittiin qoosaa jirra.. Ittiin qoosuu hin qabnu. Sabni har’a laafaa abbaan fedhe boossisu, sabni gandaan ijaarrachuun salphaa ta’e, sabni amantaa fi kutaan ijaarrachuun salphaa ta’e, gartuu ijaarrachuun salphaa ta’e addunyaa kanarra yoo jiraate saba oromoo qofa. Sabni akka sabaatti uuuu jedhee tokkummaan ka’ee hin lo-lle yoo lo-lame gudunfachuu hin dandeenye yoo jiraate har’a oromoo qofa nama qaanessa. Akka amma jirru kanatti, akka amma hojjechaa jirruttiyyuu galma hin gahu, dachaa kuma dabaluu nu gaafata. Kanaaf isin yeroo asii baatanii sochootan maleeka ta’uu isin gaafata saba keessaniif. Dii-na keessaniif immoo nama garaa hin laafne gara kuteessa, summii ta’uu isin gaafata. Yoo akkas ta’e malee dii-na gaditti hojjennee, dii-naan wal qixayyuu hojjennee galma hin geenyu. Dii-na injifachuu kan dandeenyu yoo isaa ol taane qofaadha. Dadhabbiin har’a dadhabamu, beelli har’a beela’amu, dheebuun har’aa, aduun har’aa, dhoqqeen har’a keessa gangalattan, inni kun dirree lolaa irratti dhii-ga dhangala’u hanqisati hin dadhabiinaa! Boru isiniif gala.

Har’a adeemnee bakka geenye qabna. Bakka geenye irraa hanga nu hafutu jira. Hanga nu hafu kana immoo isa raafne sana hundeen buqqaasuuti qabna. Hundeen buqqaasuu yeroo jennu immoo barii jala dukkanni akka malee hammaata . yeroo barii jala dukkanni akka malee hammaatu, akka amma isin jirtan kana saba keessan duratti akka kaleessa gochaa turre sanatti ta’uu didee, bakka kaleessa irra kaaneetti deebinee gammoojjii oromiyaa keessaatti deebinee qabsoo leenjii akka kaleessaatti,  waraannichi idduma kaleessaa sana jira. Bakkuma gahe gaheera. Leenjiin garuu

akka kaleessaa ta’uuti hin qabu!”

Itti fufa….

G.G.O Baga Geessan!”

……………………………….

Guyyaa itti mo’atame

Humni lagaaf amantii

Guyyaa diinni hubate

Akka nun qoodne lamatti,

Guyyaa Magarsaa Barii

Qooddaa Amantii cabse

Guyyaa Gadaa Gammadaa

Tokkummaa Oromoo labse,

Guyyaa itti Muhee Abdoo

Tokkummaa Sabaaf dhaame

Guyyaa Abboomaan Mitikkuu

Oromummaaf Wareegame,

Guyyaa Itti Nuuf of laatan

Falmataaf Yiggazuu Bantii

Guyyaa itti Bakka dhabe

Shirri Lagaaf Amantii,

Faafam Ilma Dooyyoofi

Irra Aanaan Qacalee

Guyyaa shiftichaan jedhan

Amantiidhaaf hin baane

Oromiyaadhaaf malee,

Jaal Dhaddachoo boruufi

Jaal Dhaddachoo Mul’ataa

Guyyaa Oromootti ibsan

Guca ofiimmoo gubataa,

Guyyaa Jaal Marii Galaan

Amantiin Qoodamuu dide

Guyyaa Dacheen sumaalee

Dhiiga Hayyuu Oromoo dhugde,

Guyyaa Shiniiggaatti seenaa

Jaallan dhiigaan barreessan

Guyyaa Seena qabeessa

G.G.O baga geessan!

Waa malee hin yaadannu

Waggaatti Guyyaa kana

Akka tokkoomnee kaanee

Cabsinuufi humna dukkanaa.

“Oromoo taanee baanee

Sumaalee taanee hin gallu

Amantiidhaan wal qoodnee

Oromummaan hin daldallu”

Jedhanii akkuma wareegaman

Hayyoonni Oromoo wal faana

Kayyoo isaanii qabannee

Yoo tokkummaan falmanne

Moonee Abbaa Biyyaa taana.

Egaa Warri Hunda darbuun

Guyyaa Gootota Oromoo geessan

Waan qabdaniin gargaaraa

WBO hanga dandeessan.

Daandii jaallan kufanii

Shinniigaatti wal faana

Tokko taanee qabannee

Garbummaa jalaa baana.

Yadesa MT Gudina

………………………………….

Lammeessaa Booruutin Seenaa dhugaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo (Jaal Dilbii Mararaa)

Jaal Dilbii Mararaa Abba isa Mararaa Hinsarmuu fi harmee isaa addee Dhibbashii Abdiisaa irraa Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Sibuu Siree ganda Lalisaa bakka addaa Arroojjii jiedhamutti Caamsaa 21/1977 A.L.I ti dhalate. Jaal Dilbii Mararaa maqaa qabsooti,maqaa maatiin moggaasaniif Taarikuu Mararaa jedhama,dhalatee umuriisaa waggaa 6ti abbaansaa obbo Mararaa Hinsarmuu shira  mootummaa tplf yeroo sana irratti xaxaniin balaa konkolaataatiin IRA ajjeefame, haata ‘u malee Abbaan isaa isa malee obboleessaa dhiiraa tokkoof dubara tokko  kan abbaansaa dhalche wajjiin, umurii ijoollummaatti abbaansaa waan irraa du’eef harmeen isaa ijoollee sadan qabattee gara  Shaggar Lixaa magaalaa Baakkootti galuudhaan jireenya abbaa malee jiraatan jiraachuu eegalan.

Jaal Dilbiin akkuma umuriinsaa ga’een mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Baakkootti barnoota isaa eegale.jaal Dilbiin mana  barumsaa keessatti barataa cimaafii kan amala gaarii qabu waan ta’eef barattoota daree isaatiif fakkenya gaarii ta’uudhaan beekama. Dilbiin barnoota isaa qabxii ol aanaadhaan xumuruudhaan gara sadarkaa 2ffaa darbuudhaan achuma magaalaa Baakkootti jalqabee barnoota isaa xumure. Harmeen jaal Dilbii erga Baakkotti galtee heerumtee ijoollee biroo dubara 2 fi dhiira  tokko yoo godhattu walumaa galatti jaal Dilbiin obbolaa dhiira 2 fi dubara 3 qaba ture.

Jaal Dilbiin maatii keessatti ijoollee kanaaf takka obboleessa takkammoo abbaa ta’uudhaan ofii fedhii dhuunfaa qabu ofitti hir’isee maatiisaf jireenyasaa guutuu  jiraachuudhaan isaan guddise. Taarikuun/Dilbiin/umurii isaa ijoollummaa kanatti itti gaafataamaa maatii sanaa ta’ee obbolaa isaa barsiisaa waan isaan barbaadan guutaafii dirqama obbolummaa bahachaa ture.Haaluma kanaan barnoota isa fagaatee barachuuf  dirqamni maatii waan irra jiruuf achumatti kollejjii BLTO ti barnoota isaa gosa Elektirisiitii baratee qabxii ol aanaan eebbifame,kana biraan barnoota tiyoolojiis dippiloomaasaa barateera,ogummaa barateen hojiitti waan hin qacaramneef ammas leenjii konkolaachisummaa barachuudhaa heyyamma konkolaachisummaa sadarkaa 4ffaa fudhateera.

Seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti jaal Dilbiin qooda ol-aanaa gumaacheera, waan kamiyyuu caalaa garbumaan sabasaa hacuuccaan lammiisaa waan isa dhiphisuuf gara qabsoo diddaa gabrummaatti jalqaba bara 1997moota keessa fedhiin mirga dhala namaaf falmuu mirga ofiif falmachuu keessatti uumamuu jalqabuudhaan fedhii keessasaa guddifachaa gara qabsootti makamee qabsoo finiinsuu eegale. Bara FDG keessas qabsoo keessatti adds durummaadhaan ijoollee magaalaa Baakkoo keessa jiraate qindeessuudhaan goji bonsai hojjechaa ture, Bara 2018 leenjii Dabballee ABO leenjifamee, qabsoo keessatti itti gaafatama hedduu fudhatee hojii dabballummaas hojii qeerroos hojjechaa qabsoo sabichaa fulduratti sofa tureera. Jaal Dilbiin bara 2010 yeroo Dhaabni ABO qabsoo karaa nagaa jedhamee waamichi godhameef, goyyomsamee biyya galu sana simannaa ABOf godhamu sana simachuuf otoo deemuu naannoo Buraayyuutti uummanni Oromoo ABO akka hin simanneef yeroo nafxanyaan karaa cuftee dabarsuu dhorkitu uummata Oromoo wajjiin ture faana adda durummaadhaan warra nafxanyaa haleeluudhaan nafxanyaaf dorzeen itti baay’attee reebicha hamaa mormaa ol iddoo 8 buruqsuudhaan gurra isaa mirgaa duuchuudhaan lubbuun isaa dirmannaa uummata Oromootiin bakka kufee kaafamee hospitaala rifaraala Ambootti yaalamee fayye. Erga fayyee manatti galees guyyaa tokko otoo hin boqotiin hojii dhuunfaasaa otoo hin hojjetiin hojii Oromummaa hojjechuu haamilee guutuudhaan itti fufe. Shaggar Lixaa magaalaa Baakkootti waajjira ABO keessatti itti gaafatumummaadhaa Ijaarsaaf Siyaasa  irratti hojjechaa ture. 

Akkasumas Dura taa’aa QBO magaalaa baakkoo ta’uudhaan caasaa QBO akka ajaa’ibaatti diddiriirsee lafa qabsiise. Qabsoon karaa nagaa jedhame sun bishaan isa nyaachaa gaafa dhufu, Sochii qabsoo karaa nagaa ABOn gochuuf yaade harkaa fashalaa’uusaa, mootummaan abbaa irree waajjiraalee ABO bakka hundarra cufuu,miseensotaafi qondaalota ABO hidhaatti naquun gaafa qabsichi bifa jijjiirratu battalumaan irratti dammaquudhaan, gara caasaa Waraana Bilisummaa Oromootti makame dirqama WBOn itti kenne raawwachuu fi caasaa isa jala jiran raawwachiisuuti deebi’e. Jaal Dilbiin waan itti amane tokko hojjechuudhaaf sodaa kan hin qabne goota ija barbadaa Oromoon qabdu keessaa nama tokko dha.

Jaal Dilbiin gaafa qabsoo Oromoo eegalee kaasee yeroodha gara yerootti hidhaaf dararaan gara gara mootummaa gabroomfataa kanaan irra gahuyyuu gaaf tokko haamilee dhabee duuba deebi’ee hin beeku. Dilbiin seenaa hinbarreeffamne baay’ees qabaatu uummata Oromoo guddaaf xiqqaa biratti jaalatamaaf kabajamaa ture,gara laafessa dhugumatti jaallummaan ani siifan du’a ati jiraadhu, ani siifan waan kamiyyuu ta’a ati naaf jiraadhu nama bakka socho’u golee Oromiyaa jedhudha.Magaalaa keessa jiraatu hundatti, sabboonummaa, lallaba dhugaa dabe sirreessuudhan xiqqaa fi guddaa kabajuudhaan Oromummaan maal akka ta’e barsiisuufi sabboonummaati dhaloota guddisuudhaan beekama. Wareegamuu Art Hacaaluu Hndeessaa booda yeroo lama situ uummata magaalaa kana fincilatti kakaasa jedhamee hidhameera.

Sababa inni yeroo sana hidhatee fi doorsisni irra gaheef namoonni tokko tokko gorsuuf yeroo yaalan “Namni tokkoyyuu of  eeggadhu jettani jechoota dabummaa  namatti naqu man jettanii nan gorsiinaa! Anis akkuma Hacee sabakoof qaaliidha, dhugaa sabakoof wanti lubbuukoo na gaafatu yoo jiraate guyyaa saafaa sabakoof wareegamuuf ani yoomillee qophiidha” jedhee namoota ofirraa deebisa. Akka basaastonni isa hordofan ammoo ayyaantummaa qabuun ni beka ture, isaaniin ammoo isaanuma bira taa’ee “Warri na basaasuuf na hordoftan yoo jiraattan ani haqa sabakoof waan kamiyyuu nan ta’a akkuma Hacee anis Oromoof qaaliidha,gatii guddaasaa argannaan na gurguradhaa, malee gatii rakasaan nan gurguriina ani Oromoof qaaliidha” ittiin  jedha biruma taa’ee itti fufa akkuma amaleeffatanitti gaafa guyyaa 8/12/2012 A.L. Iti halkan keessaa saatii 8:30pm mana jireenyaati fuudhanii kampii waraana humna addaa Oromiyaatti geessanii erga dararanii rasaasa 4n ajjeesanii booda achii baasani godina Wallaggaa Bahaa aanaa Gobbuu sayyuu bakka addaa Qeejjoo jedhamutti gatani.Maatiif Firoottan isaa otoo barbaadanii bakka jedhame kanatti gaafa argan reeffa kennuu didanii humnaan konkolaataasanitti fe’anii waajjira polisii Aannoo erga tursanii booda Hospitaala Sireetti qorannoof fedhii uummataa malee erga qorachiisanii booda rasaasa Afuurin rukutamuunsaa erga mirkanaa’ee reeffa  isaa maatiif kenname.

“Hayyee Egaa Seenaa Goota Oromoo  jaal  Dilbii Mararaa Barreefaman xumuruun ni ulfaatta Kaayyoo inni ittii Wareegamee Dhaloota galmaan gahuu haa taanu Yaa Jaal Qabsoo Lubbuun kee haa jannatuu Galaani dhiiga kee Bilisummaa Uummataa oromoo Cunquurafamafi haa ta’u. qabsoon ittii fufa…!      

Qabsoo uummata oromoo 2018 booda (Daandii Elemoo)

Bara 1991 booda sirni mootummaa TPLF maqaa EPRDFn impaayeera federaaliizimii kijibaan  sabdanoofte jechuun addunyaa goyomsuun waggoottan dheeraa maqaa diimookiraasii sobaa fi filannoo ulaagaa hin guutneen uummata biyyatti mana hidhaa sammuu keessatti ugguree gariin hidhaa, gariin ajjeesaa fi godaansisaa akkasumas maqaa Oromoo dhaayatanii warreen siyaasa daldalaniif ammo dantaa garaa saanii guutaafiin uummata Oromoo  dhaaba EPRDF moggaafachuun wagga 27f rakkoo fi gidiraa hamaaf saaxilaa turan.

Sirna urursaa sobaa qabu kan EPRDF keessatti hedduun uummata Oromoo murtii waggaa dheeraa fudhatee badii tokko malee maqaa deggertoota ABO fi shororkeessummaan hidhamanii dararamaan, gariin biyyoota ollaa keessatti dhabamsiifamaa fi achi buteen ilmaan Oromoo  sirnicha keessatti dhabame, roorroo daangaa darbe kana dura dhaabbachuuf ilmaan Oromoo tarsiimoo qabsoo ABO baasaa tureen hogganamuun qabsoo fincila Diddaa Garbummaa fi Xumura Gabrummaa bara 2014 kaasee taasifameee fi kan hayyootni biyya alaa beekumsaa fi dandeettii isaaniin akkasumas miidiyaa qabaniin qabsoo qeerroo bilisummaa Oromoo ABO tolfame geggeessaa ture ifatti baasuun uummata dammaqsuu irratti hojjetameen EPRDF hanga funyaanitti hidhatee jiruu fi Afrikaa keessatti humna waraanaan sadarkaa 3ffaa irra ture qabsoo tarsiimoon hogganameen TPLFn Maqaleetti galche.

Erga TPLF Maqaleetti galeen booda burjaajii siyaasaa hoggantootni siyaasaa tokko tokkoo fi hayyoonni Oromoo akkasumas diyaaspooraan Oromoo waan akka OPDOn dhaaba uummata oromoo taateetti faarsuun qabsoon oromoo kallattii akka gdhiisee mana cubbuutti galu gochuun qabsoon uummata oromoo akka eelee supheetti oowee impaayerattii mitii gaanfa Afrikaa raasaa ture qabaneessuun maqaa mootummaa jijjiramaan murna OPDO keessaa afaan dammaa godhatee as ba’een goyyomuun imaanaa uummata Oromoo ceesisuu itti kennan!

Abiy Ahimedii fi Lammaa Magarsaa nu ceesisu jechuun kan beekaan faarsee wallaaalaan deggeruun dabaa fi cubbuu waggoottan gaa’ila isaanii murna TPLF waliin turan keessatti dalagaan irraanfatamee fi lammii ajjeesisanii fi ajjeesanii goota ta’uun faayamaan. 

Sana keessatti egaa muummichi ministeeraa impaayera Itoophiyaa piroojektii habashootaa ta’uun waggaa 14 kaasee raayyaa ittisa biyyaattiitti makamuun ergama TPLF raawwachaa turee fi nama ittiin Oromoo cabsan ta’uu hubatanii mooraa loltummaa gadhiisisuun sadarkaa barnoota sobaan barnoota olaanaaf deemsisuu eegalan, kan itti gaafatamaa tika biyyaalessaa ta’uun INSA hogganaa ture kan Geetaachoo Asaffaafaa waliin ilmaan Oromoo siyaasa isaan geggeessaniin yakkuun basaasaa fi basaasisaa ture Abiy Ahimediin bara 2018 barcuma siyaasa impaayerattiitti maqaa Oromoon ol baasan.

Abiy Ahimedii fi Paartii Badhaadhinaa uummata Oromoo 

Uummatni oromoo erga bara 2018 maqaa jiijjiiramaa fi ilmaan abbaa gadaa ti jechuun namootni otoo hin hubatin Abiy Ahimediin faarsaa eegalanii as boqonnaa siyaasaa fi nagaa waaraa hin arganne. 

Bara mootummaa Abiy Ahimeditti ilmaan Oromoo gita hawaasaa garaagaraa hanga mana mootummaa keessaatti Oromummaa isaaniin yakkamanii badii tokko malee rasaasaan ajjeeffamaa fi eeyyama mana murtii malee hidhamaa, bakka argamanitti akka lammii biyya alaatti saamamaa fi gadi xiqqeeffamaa jiraachuu itti fufan.

Bara mootummaa jijjiiramaa ilmaan Oromoo hedduun boqonnaa siyaasaa haaraatu impaayerattii keessatti saaqame jechuun uummata Oromoof abdii godhatan sun dukkanaa’ee mana Oromoo hedduu keessatti gaddi taa’amuu, maatiin Oromoo hedduun mana hidhaatti gala deddeebisuu fi qabeenya xiqqaa bultoo isaanii itti geggeeffatan murna maafi’aa sirna badhaadhinaan saamamuu eegale.

Bara Abiy Ahimed keessatti uummatni Oromoo rakkoolee jajjabduu uummatni kamuu keessa hin seenne keessa galee jira.

Abiy Ahimad piroojektii ittiin uummata Oromoo goyomsee karoora ilmaan Oromoo ittiin cabsuu dursanii baafatan sana galmaan ga’uuf qabsoon uummata Oromoo akka galma hin geenyeef paartii siyaasaa jabaa fi cichaa dha jedhamu daboo mootummaa Eertiraa waliin ta’uun biyyatti akka galu taasisuun ugguranii kaa’uu akkasumas waraana Bilisummaa Oromoo WBO hiikkachiisanii galchuu irratti hojjechuu eegalan.

Abiy Ahimed paartii isaa maqaa OPDOn ture balleessuun ODP moggaasuun akkasumas otoo hin turin maqaa paartii isaa keessaa Oromoo jedhu balleesisuuf gorsa habashootaa Andargaachoo Tsigee fi Biraanuu Naggaafaan paartii Badhaadhinaa PP jechuun abjuu uummatni Oromoo dhugoomfachuu hin dandeenye kan impaayerattiin  guyyaatti daabboo lama nyaachuu dadhabdee fi diinagdeen impaayerattii sababa lolaan laamsha’e keessatti fiixee badhaadhinaa jechuun kan ofii isaanii konkolaataa babbaaredaan deeman, uskii fi keekii muraaniin madaaluun uummatatti qoosaa jiranii dha.

Abiy Ahimedii fi paartiin isaa badhaadhinni ilmaan Oromoo mana keessatti abidda itti kaa’ee gubuun Gullisoo fi iddoo birootti gochaa sukkaneessaa kan raawwataa ture akkasumas Gujiitti waltajjii keessatti bilbilli keetu iyye sababa jedhuun nama nagaa kan gadi baasee ajjeese, Dambi Doollootti qeerroo Oromoo wiirtuu magaalattiitti fuula daa’immanii duratti rasaasaan rukutanii ajjeesan.

Kana malees godina Jimmaatti abbaa fi ilmaa maqaa shanee jedhuun mana hidhaa keessaa kan baasanii ajjeesan yoo ta’u, Abbaa fi haadha maqaa mucaa keessantu miseensa waraana bilisummaa oromooti jedhuun Anfillootti waxaabajjii bara 2020 ajjeesan. Ajjeechaan walitti fufaan waraana murna PP koloneel Abiy Ahimediin bobbaafamaniin raawwachaa jiru himamee hin dhumu.

Shaggar Lixaa onoota akka Gindabarat, Abuunaa Gindabarat, Jalduu, Daannoo, Ilfataa, Amboo, Gincii, Dirree Incinnii, Miidaa Qanyi, Ada’aa Bargaa fi kkf keessatti,  kaaba Shaggar ono Warra Jaarsoo, Yaayyaa Gullaallee fi kkf baha Shaggar ona Boosatii Fantaallee, kibba Lixa Shaggar ona Wancii, Ammayyaa keessatti abbaa, ilmaa fi haadha ajjeesuun, Harargee lachuu keessatti, Dirre Dhawaa, Arsii, Baalee,Boorana, Gujii lamaan keessatti ilmaan Oromoo dhuman kumootaan lakkaa’amu.

Kana malees baha Wallaggaa fi Horroo Guduruu wallaggaa keessatti waraanni bilxiginnaa ajjeechaa hanga obbolaa lama wal irratti ajjeesanitti raawwataniin cinaatti finxaaleyyii Amaaraa irratti hidhachiisuun ajjeechaa jumlaa guyyaa tokkotti namoota dhibbootaan lakkaa’aman kanneen akka ona Agamsaa fi Horroo Bulluq keessatti raawwatan.

Ajjeechaa abbootii gadaa Karrayyuu irratti raawwatee fi manca,uu galma ayyaantotaa godina Lixa Shaggar keessatti raawwate gochoota badii murna bilxiginnaa keessaa  muraasa.

Akkasumas Finfinnee fi naannoowaa isheetti hanga aartistii kabajamaa fi jaallatamaa Haacaaluu Hundeessaatti ajjeechaa uummata Oromoo itti cabsanii fi sabni Oromoo taa’ee gaddee hidhii xuuxuu qofa akka ta’uuf garee ajjeesaa ramadamee muummicha ministeera impaayera Itoophiyaan fedhii habashootaa guutuuf hojjetamaa jiru hedduu dha. 

Mootummaan Abiy yakkamaadha. waraanni isaa waraana dhiiga ilmaan Oromoon dhiqateedha. Ajjeechaan ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jirus fedhiidhuma sirnichaa kan Abiy Ahimed dursuu dha.

Gocha ajjechaan cinaatti duula paartiilee siyaasaa Oromoo jajjaboo ta’an maseensuu raawwachuun paartilee addaan qooduu akkasumas hoggantoota hidhuu kan hammeesse, paartiileen siyaasaas ta’e hayyoonni dhuunfaan sabboonummaa Oromummaa akka hin kaasnee fi dantaa uummata Oromoo addatti akka hin dubbanne ugguruun namuu Itoophiyummaab isaan ittiin machaa’aniin akka sirbaniif tolfamee kan hojjamaa jiruu dha.

Irree fi gaachana uummata oromoo waraana bilisummaa Oromoo uummata Orromoo keessaa kophxeessuuf hojiin isaan hin hojjenne hin jiru. Meeshaa hiikkachiisanii galchuu, summii itti kennuu fi duula waraanaa daboon itti labsuun Oromiyaa keessaa balleessuu akkasumas gochi sun  hanqannaan maqaa ABO shanee moggaasuun labsii farra shororkeessummaa labsuun uummata Oromoo dararanii qabsicha karaa dhaabuuf dhagaan hin buqqa’in malli hanga dabtaraa fi daaqonii habshootaatiin hin falamin hin jiru.

WBOn akeeka diinaa dursee hubatee dantaan uummata Oromoo akka hin sharafamneef kaayyoo dursaa godhatee waan hojjetuuf jaarmiyaan kun ammoo akka ABO biyya keessaa barruu harka isaanii keessa waan hin jirreef otoo WBOn jiruu akeeka isaanii galmaan ga’uu waan hin dandeenyeef xiyyeeffannoo jibbiinsaa jaarmiyaa waraana bilisummaa Oromoo irratti gochuun dubbii jabduu uummata Oromoo lafa irraa duguuguuf karoorfatan qurxummicha qabuuf galaana gogsuu qabna! jedhan sanaan uummata Oromoo duguuguu itti fufan. 

Mootummaan Abiyyii fi paartiin isaa waggoottan arfan kana aangoo irra ture keessatti ilmaan Oromoo kumaatamaan hidhe, kumaatamaan ajjeesee, kumaatamaan qe’ee fi qabeenya isaa saamee akkasumas irraa godaansisee Oromoo addatti warshaa dhumiinsaa keessatti fixaa jira.

Bara Abiy kana keessatti seenaa dhumaatii ilmaan Oromoo mootolee impaayerattii keessatti raawwachaa turan irra deebi’uu irra dabree akka caalchiseetti xiinxaltootni siyaasaa ni dubbatu. 

Ilmi mana TPLF keessa taa’ee ilmaan Oromoo fixaa ture, ilmi abbaatti ba’a akkuma jedhan sana isaanii ol yoo uummata Oromoo miidhe malee hin hanqisne. 

Summii biifuu, xiyyaaraan uummata ofii Gidaamii, Mana Sibuu, Gindabarat, Boosat, Lixa Harargee, Walloo fi Gujii bahaatti rukuchuun, akkasumas waraana biyya hambaa Shaabiyaa fi poolisoota humna addaa Amaaraa daboo kadhachuun lammii ofii rukuchuun dhiichisuun addunyaa kana irratti mootummaa abbaa irree isa taasisan keessaa adda durummaan yoo kaafamu, mootummichi mootummaa uummata Oromoo otoo hin taane farra uummata Oromoo ta’uun beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading