ONM-ABO Ebla 25, 2023
Finxaaleyyootni Amaaraa erga Abiy Ahimed aangootti dhufee kaasee idda gadi fageeffachuun olaantummaa qabiyyee durii jedhuun ilaalcha seenaa Minilik haaromsuu tarkaanfachisaniin Oromiyaa bakkoota garaagaraa keessatti lubbuu namootaa fi qabeenya irraan miidhaa qaqqabsiisaa turan jabeessanii jiru.
Warreen fedhii lafa babal’ifannaa fi seenaa abbootii keenyaa deebisnaan machaa’an bakkoota jireenya isaanii fooyyeffachuuf Oromiyaa keessa qubatanitti hojii farrummaa itti fufuun torbee darbe godina Kaaba Shaggar aanaa Darraa keessatti magaalota uummatni Oromoo baay’inaan qubatee jiru weeraruun qabeenya isaanii saamuun uummata irraanis miidhaa qaama qaqqabsiisanii jiru.
Magaalotni humnoota finxaaleyyii kanaan weeraraman magaalaa akka Cekaa, Salalkulaa fi Saalaayish kanneen jedhaman yoo ta’u, weeraramuu magaalota kanaan miidhaa qaqqabeef qaamni murna bilxiginnaa deebii laate hin qabu.
Aanaa Darraa keessatti ilmaan Oromoo faayaa fi uffata aadaa Oromoo calaqqisiisu uffatanii daandii gubbaa irratti yoo argaman humnoota finxaaleyyii kanaan ni reebamu akkasumas butamanii achi buutee waan dhabamsiifamaniif uummatni yaaddoo nageenyaa hamaa keessa jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti kan himan jiraattota aanaa Darraati.




