• Fri. Jan 2nd, 2026

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan keessati waraanni fashiistii PP ajjeechaa fi saamicha jabeessanii itti fufan 

Apr 29, 2023

ONM-ABO Eebila 29, 2023

Murni bilxiginnaa marii araaraa geggeessaa jiru dawoo godhachuun Oromiyaa keessatti ajjeechaa suukkanneessaa raawwachuu, manneen uummata nagaa gubee barbaadeessuu fi qabeenya uummataa saamuu ammallee daran jabeessee jira.

Yeroo itti mariin araaraa waraana Bilisummaa Oromoo fi murna bilxiginnaa gidduutti geggeeffamaa jiru garamitti ba’a jedhamee eegamaa jirutti waraanni fashiistii Abiy Ahimed Oromiyaa kutaalee garaagaraa keessatti ilmaan Oromoo irratti ajjeechaa raawwaachuu kan itti fufe yoo ta’u, godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan ganda Tuulama Biyyaa bakka addaa Arrojjii jedhamu keessatti namoota maqaan isaanii Sanbatoo Kabbadaa,Taarikuu Taasisaa, Adimaasuu Bantii, Gammachuu Xurunaa kanneen jedhaman dheengadda Eebila 27, 2023 guyyaa qabuun erga of bira tursanii booda galgala ajjeessuu jiraattotni dubbatu.

Namootni ajjeefaman kun Sambatoo irraan kan hafe hundi isaanii abbaa maatiiti.

Oduu biraatiin onuma Hawwaa Galaan ganda Tuulama Biyyaa keessatti guyyuma sana qabeenya obbo Nagaasaa Tuuchoo erga saamanii booda kan hafe mancaasanii deemuu jiraattotni Arraata biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading