• Sat. Mar 14th, 2026

Baqattoonni Oromoo biyya Jibuutii jiraatan mootummaa fi uummata biyyichaan dararamaa jiraachuu dubbatan 

May 2, 2023

ONM-ABO Caamsaa 2, 2023

Ilmaan Oromoo cunqursaa abbootii irree Impaayera Itoophiyaa baqachuun lubbuu ofii baafatanii biyyoota ambaa gara garaa keessatti kooluu galuun maatii fi biyya jaallatan irraa fagaatanii jireenya baqaa jiraatan hedduudha.

Oromoonni dararaa fi cunqursaa murna gabroonfataa PP baqachuun biyya Jibuutii keessa jiraatan rakkoo ilmaan habashaa biyya sana keessatti uumaniin balaa gurguddaaf saaxilamanii jiraachuu dubbatu.

Intalli warra Habashaa tokko daa’ima warra biyya sanaa jalaa ajjeestee dhabamuu sababa godhachuun kan eegale, dubbiin kun, ammatti namni Itoophiyaa irraa deemuun biyya sana jiraatu hundi akka ba’u mootummaan biyya sanaa labsii godhee ture.

Kanuma sababeeffachuun humni nageenyaa biyya sanaa, ilmaan Oromoo hedduu reebuun saamicha irratti gaggeessaa mana hidhaatti darbataa jira.

Tarkaanfii mootummaa fi uummatni biyyattii dheengadda Ebla 30, 2023 eegale kun guyyaa kaleessaa Caamsaa 1 itti fufee akka ture barameera.

Duula hamaa isaan irratti labsamee jiru kanaan namoonni naay’een qabeenyaa isaa dhabeera, namoonni baay’eenis reebicha hamaaf saaxilamaniiru, namoonni lakkoofsaan hedduu ta’anis mana hidhaa biyyichaa keessatti dararamaa jiraachuu jiraataan biyya sanaa tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading