• Sat. Mar 14th, 2026

Godina baha Harargee aanaa Malkaa Bal’oo keessatti maqaa liigii dargaggoo fi dubartootaan kaadiroonni PP uummata saamaa jiraachuun beekame 

May 8, 2023

ONM-ABO Caamsaa 8, 2023

Murni faashistii Itoophiyaa liqa biyyoota adii irraa dhabuun akkasumas dhiibbaa biyya keessaa Irratti taasifamuun kufaatii dinagdee hamaa isa mudate dandamachuu dadhabuun, suphiinsa impaayerattiitiif maqaa garaagaraa gargaaramuun uummata irraa maallaqa saamaa oola.

Haaluma kanaanis godina baha Harargee aanaa Malkaa Baldhoo keessatti maqaa Liigii dargaggoo fi dubartootaa jedhuun gandooti hundi maallaqa Kuma digdamii shan shan akka kaffalaniif kaadiroonni sirnichaa jiraattota irratti dararaa ulfaataa geessisaa jiru.

Aanaa Malkaa Bal’oo araddaa Makkanniisaa keessatti dararaan kun akkaan hammaataa ta’uu kan dubbatan jiraattotni, kaabinoonni PP araddichatti bobba’aan uummatni maallaqa isaan jedhan yeroon akka kaffalaniif itti himuun, yeroon kan hin kaffalan yoo ta’e rakkoo isaan irra ga’u itti himuun akeekkachiisaa jiraachuu dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading