• Fri. Mar 13th, 2026

WBOn godina Qellem Wallaggaa aanaa Gawoo Qeebbee fi Daallee Waabaraa irratti tarkaanfii fudhachaa jiraachuun barame

May 28, 2023

ONM-ABO Caamsaa 28, 2023

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn garbummaa uummata Oromoo irratti hundee gadi fageeffate buqqisuun sabicha bilisummaa gonfachiisuuf waraana faashistii PP irratti tarkaanfii laalessaa fudhachuun aanota keessaa buqqisuu itti fufee jira.

Haaluma kanaan har’a ganama Caamsaa 28, 2023 sa’a 12:00 jalqabuun aanota godina Qellem Wallaggaa lama jechuun aanaa Daallee Waabaraa fi Gaawoo Qeebbee keessaa diina buqqisuun hojii barbaachisaa hojjechuuf rasaasaan akaa’ee baarudaan macheessaa jira.

Tarkaanfii hanga ammaatti fudhatameen Gaawoo Qeebbee keessaas ta’e Daallee Waabaraa mooraa lama lama keessaa baasuun naannoo waajjira poolisii fi baankiitti walitti qabamuun waraanni bilxiginnaa ofirraa ittisaa jiru.

Kana malees humna dabalataa aanaa Sadan Canqaa irraa deemaa turte Qaaqee fi Canqaa gidduutti rukuchuun 3F tokko fi konkolaatàa waraanaa biroo tokko gubee barbadeessee jira.

Gabaasa isaa hordofnee isin biraan geenya!

Injifannoon uummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading