• Fri. Mar 13th, 2026

WBOn Birgeedii Eebbisaa Addunyaa fi Odaa Kaarraa tarkaanfii fudhachaa jiraniin aanaa Daallee Waabaraa dhuunfatan

May 28, 2023

ONM-ABO Caamsaa 28, 2023

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii ganama kana aanaa Gaawoo Qeebbee fi Daallee Waabaraa keessatti eegaleniin aanaa Daallee Waabaraa magaalaa Qaaqee guutuutti dhuunfatan.

Urjiiwwan ilmaan Oromoo tarkaanfii aanaa Daallee Waabaraa keessatti fudhachuun aanichaa dhuunfatanii waraana diinaa hedduu ajjeesuun hedduu madeessee jira.

Qawwee AKM 50, rasaasa hedduu, dishqaa 1, moortara 1 fi boombii hedduu dugda diina irraa hiikee jira.

Hidhamtoota siyaasaa fi warreen humnaan qabamanii gara leenjii waraana bilxiginnaa deemuuf turan mooraa magaalaa Qeebbee keessaa gootichaan gadhiifameera.

Gabaasa dabalataaf Arraata Biyyoolessa Oromiyaa hordofaa!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading