ONM-ABO Caamsaa 30, 2023
Magaalaa guddoo godina Qellem Wallaggaa Kan taate magaalaa Dambi Dolloo keessatti rakkoolee tajaajila hawaasummaa hundeen furuu dadhabuun murni bilxiginnaa, dhaabbileen tajaajila hawaasa magaalattii tooraan tajaajila kennuu hanqachuun uummatni dhiibbaa dinagdeef saaxilamee, rakkoo qaalayiinsa jiruu fi jireenyaa itti dhufe jala dandamachuu dadhabaa jira.
Haaluma kanaan godina Qellem Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Dambi Dolloo fi aanota ishee dabalatee gandoota achi jalatti argaman mara keessatti tajaajilli ibsaa yeroo gara yerootti walitti fufiinsaan baduun rakkoolee garaagaraa uumaa Kan ture yoo ta’u, ammas itti fufuun torban tokkoo ol tajaajilli ibsaa hawaasa irraa addaan citee jira.
Sababa baduu ibsaa kanaan Wal qabatee rakkoo hamaa keessa jirra kan jedhan jiraattotni Magaalaa Dambi Dolloo fi aanota ishee mara keessattis hojiileen humna ibsaan wal qabatan guutummaatti dhaabbatanii jiraachuu fi dhiibbaa isaatiin ammoo rakkoon hanqina nyaataa mul’achuun walqabatee uummatni yaaddoo keessa jiraachuu dubbatan.
Rakkoo Kanatti furmaata akka nuuf laataniif waajjira humna ibsaa bulchiinsa magaalaa Dambi Dolloof irra deddeebiin gaaffii dhiyeessinus, haga ammaatti rakkoo kana furuuf carraaqqii isaan godhan akka hin jirree fi deebiin nuuf kennames hin jiru jechuun jiraattotni miira Aariin dubbachuun, dhuma irrattis qaamni barcuma aangoo impaayerattii of harkaa qabu biltsiginnaan qaama nu gaggeessuuf bakka nu bu’u miti jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
