• Fri. Jan 9th, 2026

Godina Matakkal aanaa Dibaax keessatti waraanni maafi’aa pp dargaggoota lama bifa suukkanneessaan ajjeessuun, dararaa namoota nagaa irratti hammeessuun dhagaa’ame

Jun 7, 2023

ONM-ABO Waxabajjii 7, 2023

Waraanni biltsiginnaa teessuma aangoo nama dhuunfaa eeguuf jecha ilmaan Oromoo naasuu tokko malee Oromiyaa guutuu keessatti Oromummaa isaanii qofaaf adamsanii hidhuu, dararuu fi ajjeechaa suukkanneessaa irratti raawwachuun erga kolonel Abiyi Ahimad gara aangootti olba’ee gochi duguuggaa sanyii ilmaan Oromoo irratti geggeeffamu jabaatee jira.

Haaluma kanaan uummata Oromoo godina Mattakal aanaa Dibaax keessa Jiraatan irratti ajjeechaa gara jabinaa walitti fufiinsaan raawwatamaa.

Torbee darbe caamsaa 29, 2023  godina Matakkal aanaa Dibaax ganda Caancoo irraa dargaggoota maqaan isaanii Taakkalaa Mangashaa Dhugumaa fi hiriyaa isaa qabuun mana  hidhaa waajjira Poolisii Gaaleessatti hidhanii dararaa erga turaniin booda Waxabajjii 1, 2023 mana hidhaa irraa baasuun gara bosona ganda Gibootii geessuun ajjeessanii gatan.

Dargaggoota ajjeeffaman kana waraanni biltsiginnaa reeffa dhorkachuun osoo hin kaafamin  guyyaa lama turuun  Waxabajjii 4, 2023 Maatiin reeffa fudhachuun sirni awwaalcha isaanii geggeeffamuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Kana malees obbo Mangashaa Dhugumaas bosona keessatti mukatti hidhuun dararaa turuu fi namoota nagaa hedduus mana hidhaatti dararaa jiraachuu jiraattonni dubbatan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading