• Sun. Jan 11th, 2026

Godina Wallagga Bahaa aanaa Haroo limmuu fi aanaa Eebantuu keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachifta  jedhuun uummata nagaa mana hidhaatti guuraa jiraachuun barame

Jun 10, 2023

ONM-ABO Waxabajji 10, 2023

Oromiyaan dirree ilmaan Oromoo badii malee irratti hidhamanii ajjeefamanii fi dararaman ta’uun, bakka dhiigi namoota nagaa keessatti dhangala’u taatee galaana dhiigaan machaa’uun goolumsii fi jeequmsi keessatti jabaachuun, namoota nagaa  jiruu fi jireenya dhuunfaa isaanii jiraatanis gama hundaan funaanuun manni hidhaa bakka hiraarsa ilmaan Oromoo ta’uun  ni beekama.

Haaluma kanaan godina Wallagga bahaa aanaa Haroo Limmuu Ganda 01 keessatti waxabajji 8, 2023 waraana bilisummaa Oromoo waliin quunnamtii qabdu jechuun namoota hedduu mana hidhaatti guuranii dararaa jiru.

Namoota mana hidhaatti dararamaa jiran keessaa muraasni Yaadasaa Mokonnon, Aagituu Abeetuu, Haadha manaa Waaqgaarii Teessoo, Haadha Gomee, Hawwinee Dheeressaa, Zannabuu Taaddasaa, Margaa Aabboosee, Barsiistuu Maaremaa Ayyaanaa, Awwaluu Muusaa fi Haadha Sayidoo kanneen jedhaman ta’uu maddeen ifoomsaniiru.

Oduuma wal fakkaatuun guyyuma kana Waxabajjii 8, 2023 Godina Wallagga bahaa aanaa Eebantuu Ganda malkaa waajjaa Magaalaa lubee keessaas sirni pp namoota nagaa maqaan isaanii  Zallaqaa Fuufaa, Habtaamuu Zallaqaa Waaqgaarii Dhugumaa, Olaanaa Wiirtuu, Misgaanaa Taganyee, Magarsaa Baqqalaa, Lammeessaa Baqqalaa, Lalisee Fayyisaa fi Haadha Solomoon kan jedhamtu dabalatee walumaa galatti namootni 14 yakka tokko malee Oromummaan yakkuun qabanii mana hidhaatti darbatanii gidirsaa jiraachuu maddeen ONMtti himan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading