ONM-ABO Waxabajjii 12, 2023
Sirna kolonii impaayeera Itoophiyaa jalatti ilmaan Oromoo jajjaboo fi sammuu qareeyyii ta’an moototni duraa duubaan aangoo impaayerattii qooddataa turan, hanga har’aatti ilmaan Oromoo adamsanii qabuun achi buutee dhalabamsiisuu fi dachee abbaa isaanii Oromiyaa irraa bakka biraatti godaansisuun jireenya gadadoo fi hiyyummaaf saaxilaa jiru.
Kutaa magaalaa Finfinnee keessa sabaa fi sablammoota hedduminaan jiraatan keessaa addatti ilmaan Oromoo xiyyeeffatamuun, waraana sirnichaan qabamanii hidhamanii fi lakkoofsi ilmaan Oromoo achi buutee dhabamsiifamanii guyyaa gara guyyaatti dabalaa jira.
Bifuma kanaan godina addaa naannawwaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Laga Xaafoo keessaa dargaggoo maqaan isaa Labataa Hirkoo Darfaashaa jedhamu Waxabajjii 9, 2023 waraanni goolessaan Bilxiginnaa qabuun hanga gaabasni kun qindaa’etti eessa akka geeffame hin beekamin jira.
Akka hiriyoonni Dargaggoo kanaa jedhanitti dhimma dhuunfaa isaaf jedhee osoo daandii irra imalaa jiruu qabamuusaa himuun, garuu hanga ammaatti maatii fi hiriyoonni isaa iyyaaffatanis eessa akka geeffame beekuu hin dandeenye jedhan.
Itti dabaluunis dargaggoon Labataa Hirkoo Darfaashaa hiriyoota isaa biratti nama jaallatamummaa qabuu fi magaalaa Laga Xaafoo kana keessatti hojii dhuunfaa isaa hojjechuu irraa kan hafe hirmaannaa Siyaasaa kamiyyuu akka hin qabnes Arraata biyyoolessa Oromiyaatti himan.


