• Fri. Mar 13th, 2026

Mootummaa Naannoo Gambeellaa magaalaa Gambeellaa keessatti haala suukkanneessaan ilma Oromoo tokkoo fi dhalataa Tigraay tokko yoo ajjeesan, kibba Oromiyaa aanaa Sabbaa Boruuttis dargaggoo tokko ajjeesuun beekame

Jun 17, 2023

ONM-ABO Waxabajji 17, 2023

Ilmaan Oromoo baroota dheeraaf jiruu fi jireenya isaanii fooyyefachuuf naannolee impaayeerattii keessatti baayinaan faca’anii  kan argaman yoo ta’u, aadaa fi safuu sabaaf sablammoota impaayerattii kabajuun nagaan wajjiin jiraachaa kan turan ta’us bara bulchiinsa murna abbaa irree koloneel Abiy Ahimed garuu Oromummaa isaaniin yakkamuun guyyaa guyyaan akka baalaa harca’aa oolu.

Haaluma kanaan guyyaa kaleessaa jechuun Waxabajji 16, 2023 magaalaa Gambeellaa naannoo Abool jedhamuun beekamu keessatti dargaggoo Oromoo Daawwit Girmaa jedhamu osoo inni baajaajii oofaa jiruu keessaa buusuun cuubeen qaqqalanii ajjeesanii biraa deeman jedhu jiraattotni ijaan  argan.

Dargaggoon kun dhalootaan lixa Oromiyaa magaalaa Dambi Dolloo yoo ta’u, yeroo dheeraaf magaalicha keessatti Baajaajii oofuun kan of jiraachisaa ture ta’u jiraattootni dabaluun dubbatu.

Akkasuma guyyuma kaleessaa kana dhalataa naannoo Tigraay kan ta’e hojii daldala Qullubbii irratti bobba’uun kan hojjechaa ture lafuma inni hojii qullubbii isaa hojjechaa jirutti magaalaa Gambeellaa keessatti saba Anyu’aa jedhamaniin akka ajjeefame dubbatu.

Ilmaan Oromoo bara bulchiinsa Bilxiginnaa keessa lafa socho’an cufatti wabii jireenyaa dhabuun gochi suukanneessaan Oromiyaa keessaa fi naannoolee impaayerattii keessatti irratti raawwatamaa jiru guyyaa guyyaan dabalaa jiraachuu fi uummanni rakkoo fi gidiraa hamaa keessa galaa jiru.

Kibba Oromiyaa aanaa Sabbaa Boruu ganda Lollottuutti kaleessa Waxabajji 16 waraanni faashistii PP ilma Oromoo maqaan isaa Alaakaa Gammadaa jedhamu mana dhaquun maatii biraa gadi waamanii badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading