• Fri. Mar 13th, 2026

Waraanni faashistii PP godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo keessatti walitti dhukaasuun loltootni ajjeefamuu fi ajajootni hidhamuun barame 

Jul 10, 2023

ONM-ABO Adoolessa 10, 2023

Miindaa keenya sababa ga’aa malee hin kutnu kan jedhan miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo mooraa magaalaa Muggii Jimaata darbe Adoolessa 7, 2023 irraa eegaluun walitti dhukaasuu itti fufanii jiru.



Jimaata darbe marsaa 2 kan walitti dhukaasan miseensotni waraana bilxiginnaa Adoolessa 8 toora sa’a 5:00 irratti mooraa mana barumsaa sadarkaa 2ffaa fi waajjira qonnaa keessatti walitti dhukaasaa turan.

Galgaluma guyyaa sanaas itti deebi’uun marsaa lama walitti dhukaasaa bulan.
Sababa kanaan loltootni PP aanichaa abdii kutachuun magaalaa keessa lafa duwwaatti dhukaasaa turuu fi callisanii qawwee waliin  akkasumas harka duwwaa magaalicha gadhiisanii badaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Dhukaasni hammaachuunis  qondaaltotni waraana isaanii sodaa keessa galuu fi hawaasnis yaaddoo keessa jiraachuu himuun gochi isaan agarsiisaa jiran murni bilxiginnaa kufaa jiraachuu mul’isa kan jedhan hedduu dha.

Wal dhabdee faayidaa fi wal tuffii gidduu isaaniitti uumameen dhukaasa walitti bananiin waraanni bilxiginnaa 8 du’uu fi 10 ol madaa’uu kan nuuf himan maddeen waraanaa, qondaaltotni waraanichaa muraasni reebamuun qabamanii akka hidhamanii jiran dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading