• Fri. Mar 13th, 2026

Daldaltoota godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfillootti gibira humnaa olii ramaduun hawaasni daldalaan rakkachaa jiraachuun himame

Jul 21, 2023

ONM-ABO Adoolessa 21, 2023

Daandii itti namootni qabeenya horatan irraa karaa ittiin irraa funaannatan baafatee kan hojjetu murni bilxiginnaa, baajeta isaa duwwaa ta’e guuttachuuf daldaltoota aanaalee irraa sochii xiqqaa qaban irraa kaasee qarshii humnaa olii itti ramaduun boossisaa jira.

Caasaan murna bilxiginnaa godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo daldaltoota magaalaa Muggii fi Ashii daldala dhuunfaa isaanii banachuun ofii fi maatii isaanii jiraachisan qarshii hanga 100,000 fi isaa olii itti ramaduun rakkoo hamtuuf saaxilanii jiru.

Mana qalii sangaa kiristaanaa nama biraa tokko waliin kan hojjetu obbo Waaggaarii Asfawuu nama jedhamutti qarshii 73,000 kan ramadan yoo ta’u, warreen mana nyaataa fi qorichaa qabanittis 50,000 fi isaa ol itti muruun baramee jira.

Murtiin qarshii humnaa olii koree shallaggii gibiraa jedhuun namootni komaandpoostii aanichaa hojjetan kana hawaasni daldalaan bakka itti iyyatu dhabee, akkasumas waan fuudhee kafalus of harkaa dhabuun yaaddoo waan hojjetanii ittiin jiraatan dhabuu keessa galanii jiru.

Oduu biraatiin ammoo hoggantootni waraanaa aanichaa Kibxata darbe Adoolessa 18, 2023 irraa qabuun magaalaa Ashii fi Seertumii irraa magaalaa Muggiitti walitti qabamanii maree irra kan jiran yoo ta’u maree kanaanis waraanni isaanii baay’inaan badaa jiraachuu, deggersa uummataa dhabuu, caasaan WBO hanga magaalaa Muggiitti ijaaramuu fi tarkaanfii fudhachuun akka rakkiseen kaasuun mareen kanaan booda gandoota akka Yattii hanga Akulaa fi magaalaa Seertumii irraan ammoo ganda Waabaa fi bakka addaa Xooxxii jedhamu xiyyeeffachuun sakatta’iinsaaf akka bobba’an maree isaaniin waliigaluu maddeen waraanaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading