• Thu. Apr 2nd, 2026

Godina Booranaa Aanaa Dubuluqitti waraanni maafiyaa PP namoota nagaa qabee hidhuun murtii malee dararuu jabeesse

Jul 25, 2023

ONM-ABO Adoolessa 25, 2023

Godina Booranaa aanaa Dubuluqii Gandoota aanichaa garaagaraa keessatti waraanni maafiyaa PP fi kaabinoonni aanichaa waliin ta’uun uummata nagaa reebuu fi dararuun gariin ammoo qabanii hidhaatti galchuun midhaa qaamaa fi qorqalbii irraan ga’aa jiru. 

Maqaa seelii waraana bilisummmaa Oromoo baleessina jedhuun godina  Booranaa aanaa Dubuluq ganda Qarsaa Dambii keessaa namoota nagaa maqaan isaanii Moluu Boruu Guyyoo, Bonayyaa Godaanaa Waariyoo, Kuraa Jaldeessa Alii kan jedhamu barataa  qorumsa seensa yuuniveersitii kutaa 12ffaa fudhachuuf qopha’aa ture akkasumas Bulee Waariyoo Boruu fi Jabaa Moluu Liiban qabanii hidhuun murtii tokko malee dararaa jiru.

Itti fufuudhaan ganda Kootii Daadaa irraas Abbaa Huqqaa, Guddooyee Saraa, Tuushii Liiban Abbaa Kulee fi Bullicha Qancooraa  kanneen jedhaman mana hidhaa PP kan dabaa fi cubbuun ijaarame akkasumas, kan ilmaan qotee bulaa badii tokko malee itti guuramanitti darbatamanii dararamaa jiraachuu jiraatoottni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading