ONM-ABO Adoolessa 31, 2023
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii Kibbaa ganama har’aa, Adoolessa 31, 2023 godina Booranaa aanaa Mooyyaalee ganda Argannee fi Mudhii Ambootti tarkaanfii waraana faashistii PP irratti taasiseen gandicha keessaa buqqisee jira.
Tarkaanfii mooraa waraana garboomsaa irratti fudhate kanaan loltoota Abiy Ahimed hedduu fi tikoota isaanii du’aa fi madoon adabee jira.
Qaamotni tika waraana uummata naannichaa dararaa turan Daamaa Dooyyoo, Bulee Boruu, Goollicha Guyyoo, Liiban Waariyoo, Jaarsoo Guyyoofaan kan madaa’an yoo ta’u, obboo Goolee dabalatee hedduun du’aan adabamanii jiraachuun ifoomera.
Injifannoon Uummata Oromoof!


