• Sat. Jan 10th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Gachii fi Cawwaaqaa keessatti ajjeechaa fi hidhaa yoo jabeessan aanaa Daaboo Haannaa keessatti ammoo gareen finxaaleeyyii Amaaraa murna bilxiginnaa waliin  uummata doorsiisaa jiraachuuun dhagaa’ame

Aug 2, 2023

ONM-ABO Hagayya 2, 2023

Uummanni Oromoo erga sirni gadaa isaa cabee kaasee murni aangoo of harkaa qabu impaayera Itoophiyaa keessatti dhiittaa mirga namoomaa  irratti geggeessuun qe’ee fi qabeenyaa isaa irraa buqqisuun cinaatti hidhee dararuu fi ajjeechaa irratti raawwachuu jabeessaa jira.

Haaluma kanaan godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa keessatti Adoolessa 31, 2023 dargaggoon Yaaddessaa Beekumaa jedhamu waraana bilxiginnaan yoo du’u aanaa Gachii ganda Bikee Baqqalee keessatti ammoo hidhaan Waraana sirnichaan namoota maqaan isaanii Kaliifaa Bushuraa, Miftaahuu kaliifaa, Jihaad Bulchaa, Ahimed sulxaan, Amiiduu sulxaan, Mudassir Abbadiggaa, Maashoo Kamaal, Rashiid Kamaal fi Jawaaraa Shaafii jedhaman hidhanii dararaa jiraachuun barameera.

Aanaa Daaboo Haannaa keessatti ammoo finxaaleeyyiin Amaaraa  bifa addaan wal gurmeessanii ajaja caasaa bilxiginnaa aanichaa irraa fudhachuun dhiibbaa adda addaa akkasumas sodaachisa geggeessuun uummata rakkisaa jiraachuu maddeen godina Bunnoo Beddellee Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading