ONM-ABO Hagayya 8, 2023
Torbee darbe godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Allee magaalaa Goree keessatti milishoota aanota godinichaa keessaa walitti qabuun leenjii gaggabaabaa erga kennaniifiin booda gara aanaa Daarimuutti fe’uuf akka jiran barameera.
Murni faashistii sodaa Waraanni Bilisummaa Oromoo akkuma Bara darbee aanaa Daarimuu rukutuun humna bilxiginnaa buqqisa jedhu irraan kan ka’e loltoota raayyaa ittisa impaayerattii achi jiranitti dabalanii akka qubsiisan ibsameera.
Murni faashistii PP yeroo adda addaatti caasaa bilxiginnaa godinichaa magaalaa Goreetti haaromsuun aanota irratti kan bobbaasu yoo ta’u, marsaa kanaanis raafama impaayerattiin keessa jirtuuf fala waan jedhu, caasaa eegumsaa jechuun qonnaan bultootaa dararaa jiru.
Aanaan Daarimuu daandii Lixa Wallaggaa irraan gara Iluu Abbaa Booraatti ce’an yoo taatu, tarkaanfii gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo aanicha irratti fudhatee tureen waraana bilxiginnaa irra miidhaan namaa fi qabeenyaa qaqqabuun ni yaadatama.


