ONM-ABO Hagayya 16, 2023
Godina baha Wallaggaa keessatti tarkaanfii jajjaboo WBO’n fudhachaa jirutti kan rifate bilxiginnaan, muddamicha keessaa of baasuuf maqaa Oppireshiiniitiin waraana isaa uummata nagaatti bobbaasuun, addatti aanota Giddaa Ayyaanaa shanan keessatti gidiraa jabaa uumaa jiraachuu maddeen himan.
Haaluma kanaanis, ittisa duraatiif karoora humna waraanaa Komaandoo jedhamu qubsiisuuf baafataniin humnoota kana aanaa Giddaa keessa 150, aanaa kiraamuu 100 -130, aanaa Eebantuu 80, aanaa Limmuu 80 fi Haroo Limmuu Keessatti ammoo 100 kan ta’an raabsuun uummata nagaa ittiin gidirsaa jiraachuun himame.
Akka maddeen jedhanitti aanota kanneen jalatti waranni PP daandii cufuun sakattaa jabaa gaggeessaa kan jiran yoo ta’u, aanota akka Nuunnuu Qumbaa, Gudayyaa Biilaa, Sibuu Siree, Jimmaa Arjoo, Saasiggaa fi Diggaa keessatti ammoo uummata walga’ii baasuun namootaa fi manneen WBO wajjin hariiroo qabu jettanii shakkitan of keessaa saaxilaa jechuun irra deddeebi’anii uummata doorsisaa jiraachuus dubbatan.
Aanota kanneen keessatti rakkoo guddaa uummata irratti uumaa kan jiran milishoota sirnichaa ta’uu kan himan maddeen, ijoollee kophee qulqulleessan, baajajii fi taaksii ofan hedduu ammoo bifa basaasaatiin leenjisanii bobbaasanii jiraachuus gabaasan.



