ONM-ABO Hagayya 16, 2023
Gareen dheebuu aangoo hin baane bilxiginnaan aangoo isaa jabeeffachuuf bakka mormii fi lolli jabaan na mudata jedhee yaadutti loltoota hedduu bobbaasuun uummata shororkeessaa, ajjeessaa fi hidhaa oola.
Xumura torbee darbee qabuun loltoota isaa guyyaatti konkolaataa 6 hanga 10 magaalaa Finfinnee irraa gara lixa Oromiyaatti geejjibsiisaa jira.
Akka namootni Buraayyuu, Holotaa fi Amboo irraa odeessa kana nuuf laatan jedhanitti, konkolaataan loltoota faashistii PP kun loltootaa fi meeshaalee gurguddaa ukkaamfamanii jiran baatanii deemaa akka turan jedhu.
Konkolaattotni waraana faashistii kun Finfinnee irraa ka’uun magaalaa Holotaa qubachuun kan darban yoo ta’u, paatiroolotni geggeessaaf ba’an ammoo biraa deebi’aa turan.
Gochi kun guyyaa kaleessaa fi dheengaddaas geggeeffamaa turuu kan nuuf himan maddeen, bilxiginnaan Abiy Ahimed fi Shimallis Abdiisaa qe’ee Oromoo dachee dhiigaa taasisuu itti fufuuf karoora qabaachuu kan agarsiisuu dha kan jedhan hedduu dha.




