• Sun. Mar 15th, 2026

Ilmaan Oromoo humnaan leenjii milishummaaf qabanii fe’uun kan itti fufe yoo ta’u, kibba lixa Shaggar aanaa Wancii keessatti namootni milishummaaf fe’amanii deemaa turan konkolaataan garagaluun miidhaan irra qaqqabuun beekame

Aug 28, 2023

ONM-ABO Hagayya 28, 2023

Murni erga aangootti ol ba’ee jireenya badhaadhinaa nama gonfachiisuu irra rasaasaan ajjeessuu fi du’uu nama barsiisu bilxiginnaan, godinoota Oromiyaa mara keessatti milishoota hojii irra turanii fi kanneen haaraa aanota irraa  qabamaniif leenjii waraanummaa gaggabaabaa kennuufiin uummatatti bobbaasuuf gara bakka leenjiitti fe’aa jiru.

Leenjii godina Kibba Lixa Shaggar magaalaa Wallisootti kennamuuf bilxiginnaa qophii geggeessaa kan jiran yoo ta’u, aanaalee godinichaa irraa konkolaataan qonnaan bultoota humnaan qabamanii gaddanii fi maatiin akkasumas daa’imni duukkaa bo’u baattu gara magaalaa Wallisootti muddamaa jiru.

Leenjii Kamisa dhufu  Hagayya 31, 2023 magaalaa Wallisootti ni eegalama jedhamee eegamaa jiru kanaaf, ilmaan Oromoo aanaa Wancii irraa humnaan qabamanii deemaa turan dheengadda Hagayya 26, 2023 naannoo Laga Waalgaa jedhamutti konkolaataan ISUZU tokko kufuun namoota hedduu galaafachuun gariin madeessuun barameera.

Namootni leenjiif qabaman godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo, Daallee Waabaraa, Sayyoo, godina Baha Wallaggaa Sibuu Siree, Arjoo fi Oromiyaa bakkoota hedduu irraa gara mooraa bilxiginnaan godina irraa qopheesseefitti deemsisaa akka jiran barameera.

Godinoota sodaa guddaa WBO irraa qaban keessaa ammoo namoota qabuun godinoota biroo kanneen akka Kibba Lixa Shaggar magaalaa Wallisootti leenjiif geessuu danda’u jechuun keessa beektotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading