• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Iluu Abbaa Booraa bulchiinsa magaalaa Mattuu fi Baha Shaggar ona Liiban Cuqqaalaa keessatti hidhaan ilmaan Oromoo irratti hammaachuun dhagaa’ame

Aug 30, 2023

ONM-ABO Hagayya 30, 2023

Humni waraana faashistii impaayera Itoophiyaa Oromiyaatti duuluun, uummata Oromoo nagaa fi tasgabbii dhorkachaa, yakkoota waraanaa jajjaboo tiksitoota impaayerattiin raawwatamaa jiraniinis namootni nagaan hidhamaa, ajjeefamaa fi saamamaa akkasumas murtii malee mana hidhaatti gidirfamuun jabaatee jira.

Haaluma kanaanis, Godina Iluu Abbaa Booraa bulchiinsa magaalaa Mattuu keessatti dargaggoon Daanyaachoo Ayyalee jedhamu balleessaa tokko malee loltoota sirnichaan qabamuun baatii tokkoo oliif murtii seeraa malee waajjira poolisii magaalaa Mattuu keessatti dararamaa jiraachuu maddeen himan.

Oduuma hidhaan Wal qabatuun, godina Baha Shaggar ona Liiban Cuqqaalaa keessatti Sanbata darbe jechuunis Hagayya 26, 2023 waraanni faashistii impaayerattii namoota gara gabaa magaalaa Adulaalaatti bobba’aa turan, daandiirraa qabuun mana hidhaatti guuraa kan turan yoo ta’u, nama Birbirsoo Araarsoo jedhamu dabalatee namoonni maqaan nu hin qaqqabin hedduun guyyicha qabamuun mana hidhaa keessatti hiraarfamaa jiraachuunis beekameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading