ONM-ABO Fulbaana 27, 2023
Impaayerri Itoopiyaa afaan qawween of ijaaree har’a haa ga’u iyyuu malee ilmaan Oromoo quuqama sabaa qaban kallaattii adda addaan miseensota loltuu ta’uun impaayera Itoopiyaa suphaa turan, sirnichi akka naasuu ilmaan oromoof hin qabne hubachuun sabboontotni ilmaan Oromoo qawwee fi hidhannoo guutuun gooticha waraana bilisummaa oromootti makamuu jabeessanii jiru.
Haaluma kanaan fulbaana 23, 2023 Miseensotni raayyaa ittisa impaayera Itoopiyaa 2 fi miseensi poolisii Oromiyaa farra liphee lolaa jedhamuun beekaman tokko mooraa godina Qellem wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan keessaa meeshaa fi hidhannoo guutuun sirna balfamaa PP keessaa yoo ba’aan, Qellem wallaggaa aanaa Sayyoo keessaa ammoo miseensi raayyaa ittisa impaayera Itoopiyaa fulbaana 25, 2023 mooraa magaalaa Dambii Dolloo ganda 04 jiru irraa baduun gooticha waraana bilisummaa oromotti dabalamuu maddeen himan.
Loltonnii kunneen mooraa diinaa keessaa meeshaalee waraana qawwee turkii 1, dachaatuu 3, rasaasa 820 fi boombii harka 5 baasuun mooraa qabsoo bilisummaa oromoo gabbisuu maddeen waraana gamasii himuun simannaan hoo’aan karaa waraana bilisummaa Oromoo akka ta’eefis dabaluun addeessaniiru.


