• Sun. Jan 11th, 2026

Qellem Wallaggaa aanaa Laaloo Qilee Keessatti loltoota impaayerattiitiin lubbuun dargaggeessa tokkoo ajjeefamuun dhaga’aame 

Sep 30, 2023

ONM-ABO Fulbaana 29, 2023

Egeree uummatichaaf yaaddessaa ta’aa kan dhufe dhimmi guyyaa guyyaan ajjeefamuu dargaggoota Oromoo daran jabaachuun dacheen Oromiyaa lolaa dhiiga ol adeemtota ilmaan isheetiin dhiqamuun abdiin sabichaa dukkana gabrummaan haguugamaa jira.

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Laaloo Qilee ganda Doogannoo Dhummuugaa keessaa kaleessa jechuunis Fulbaana 28, 2023 loltoota impaayerattiin kan qabame dargaggoo Hundumaa Ashuudoo Raggaasaa jedhamu, konkolaataa irraa buusanii fuudhanii erga deemaniin booda ganduma Dooganoo Dhummuugaa bakka addaa Kallisa Maqa Billee jedhamtutti guyyuma kana ajjeefamee gatamuun dhagaa’ame.

Dargaggeessi kun sababa maaliitiin qabamee akka ajjeefame beekamuu baatus, nama nagaa jireenya mataa isaa jiraatu ta’uun isaa kan beekamu yoo ta’u, haaluma goleewwan Oromiyaa cufa keessatti maqaalee garaa garaa itti maxxansuun dargaggoota Oromoo kumaatamaan ajjeessaa jiraniin dargaggeessa kanas gara jabeenya isaaniitiin waraanni sirnichaa ajjeessuun dubbatame.


Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading