ONM-ABO Onkoloolessa 4, 2023
Hidhattootni garee finxaaleyyii Amaaraa murna bilxiginnaan tumsaman Faannoon daangaa Oromiyaa seenuun lubbuu namoota hedduu baasaa kan turanii fi qabeenya hedduus saamaa turuun ni yaadatama.
Haaluma kanaan dheengadda gaafa Onkoloolessa 2, 2023 kaaba Shaggar aanaa Darraa keessatti Hidhattootni finxaaleyyii Amaaraa Faannoo ofiin jedhan daangaa Oromiyaa karaa aanaa Darraa seenuun horii Hawaasa Oromoo saamanii osoo deemaa jiranii gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Hidhattoota kana irra horii hawaasaa buusuun osoo abbootii horiin jalaa hatamteef deebisuu deemaa jiruu hidhattootni murna bilxiginnaa karaa duubaa dhukaasa irratti banuun beekame.
Waraanni Bilisummaa Oromoos lola murna bilxiginnaan irratti baname kana injifannoon irra aanuun hedduu ishee ajjeesuun gariin ammoo madeessuun of duuba deebisuunis barameera.
Hidhattootni garee maafi’aa PP kunis aarii gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii irratti fudhateef jecha guyyaa kaleessaa jechuunis Onkoloolessa 3, 2023 ganama naannoo lolli kun itti adeemsifame sanatti haleellaa diroonii raawwataniin midhaan namootaa mancaa’uu fi qabeenyi barbadaa’uu jiraattotni himan.
Akka jiraattotni aanichaa tokko tokko jedhanittis, yeroo humnoonni badii kun lubbuu namootaa fi qabeenya namootaa saaman callisanii ilaaluun, gaafa Waraanni Bilisummaa Oromoo qabeenya namoota saamame kana deebisu ammoo lola irratti banuun uummatichaaf akka hin yaadnee fi murni bilxiginnaa gocha faannoo kana keessaas harka qabaachuu mullisa jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.



