• Sun. Apr 5th, 2026

Arsii Bahaa aanaa Gololchaa Keessatti ajjeechaa fi hidhaan jiraattota irratti jabaachuun dhaga’aame

Oct 23, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 23, 2023

Jiraattotni godina Arsii bahaa rakkoon nurratti jabaatee jira jechuun yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti akka himanitti, ifaaf ifatti du’a nurratti labsuun waraanni goolessaan PP, ilmaan keenya waliin duguuggaa sanyii nu irratti raawwataa jiru jechuun dubbatan.

Haaluma kanaanis godina Arsii bahaa aanaa Gololchaa bakka addaa Gobeensa jedhamu irraa namoonni sagal waraana maafi’aa PP’n qabamuun namooti 2 bakkuma sanatti ajjeefamuu fi namoonni 7 ammoo godina lixa Harargee aanaa Hawwii Guddinaa magaalaa Bilqaaheetti dabarfamuun hiraarfamaa jiraachuunis beekameera.

Hidhamtootni lixa Harargee aanaa Hawwii Guddinaa keessatti dabarfamanii jiran kunneen rakkoo ulfaataa keessummessuun, rakkoo fayyaa fi qaamaatiin miidhamanii akka jiran Maddeen ibsuun, Yaayyaa Adamii fi Toofiq Aliyyii dabalatee bulchiinsa magaalaa Bilqaahee keessatti hidhamtoota irra hiraarfamni ga’aa akka jirus gabaasni achii arganne ni ibsa.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading