• Thu. Mar 19th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa keessatti hidhaan namoota nagaa irratti jabaate

Oct 24, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 24, 2023

Jimaata darbe Onkoloolessa 20, 2023 godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa ganda  Waanjaa Cirriitti nama maqaan isaa Daawud Baabagir jedhamu fi Geemii Gaabbaatii ammoo abbaa qabsa’aa maqaan isaa obbo Abboomaa Tarfaasaa jedhamu qabuun ilma kee kan miseensa waraana bilisummaa Oromoo ta’e galchi ittiin jechuun barameera.

Aanichuma ganda Gumaa Gaara Arbaa keessaas obbo Asaffaa Yoonaas nama jedhamu  Onkoloolessa 22 galgala mana isaa qabuun mooraa Liqixiitti hidhuun dararaa jiru.

Kana malees nama maqaan isaa adda hin ba’in tokko ganda Waanjaa Cirriitti ajjeesanii gatuun qabeenya namootaa saamanii gara magaalaa Qondaalaatti deebi’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading